• Thu. Jan 1st, 2026

“Rakkoo dinagdee impaayerattii mudateen miindaan ji’aa yeroodhaan nuuf kaffalamaa hin jiru” jedhan, hojjettoonni Dhaabbata Ijaarsa Oromiyaa ONM dubbise

Jan 9, 2025

ONM-ABO Amajjii 9, 2025 

Xiyyeeffannoon impaayera Itiyoophiyaa waraana qofa irratti ta’uun, baajetni hojiilee misoomaa garaa garaaf ramadamu gara waraanaatti deebi’uun, dinagdeen impaayerattii qilee bu’uun lammiileen biyyattii harka mootummaa eeggatan hundi jiruu gadadoo hamtuuf saaxilamaa jiru.

Kanumaan wal qabatee hojjettoota Dhaabbata Ijaarsa Oromiyaa (Oromia Construction Corporation) keessaa hojjetan hundaaf kaffaltiin ji’aa kanaan dura yeroon kaffalamaafii ture, yeroo ammaa maseenuu dinagdee impaayerattiin wal qabatee yeroo kaffalamuu qabu torban lamaa fi sanaa ol darbee kadhaa meeqaan kennamaafii jiraachuu irraan kan ka’e hojjettoonni hedduun rakkoo addaa addaaf saaxilamaa kan jiran ta’uu namoonni dubbisne yaada isaanii miiraa aarii fi gaddaan guuteen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Dhaabbata kanaaf armaan dura hojii geggeessaan Dhaabbatichaa dhalootaan Amaaraa ta’e tokko namni maqaan isaa Muluuqan jedhamu waggaa 3 dura qabeenya harka isaa irra jiru hunda aangoo of harkaa qabutti fayyadamuun saamee gara biyya ambaatti baduu kan himan maddeen, kanumaan wal qabatee ijaarsi Piroojektiiwwan garaa garaa godinaalee Oromiyaa kanneen akka: Kaaba Shaggar, Lixa Shaggar, Baha Wallaggaa fi kanneen biroo hedduu keessatti yeroo sana eegalamanii turan hanga har’aatti waggoota dheeraaf addaan citanii kan jiran ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading