ONM-ABO Amajjii 10, 2025
Meeshaalee gurguddaa silaa daangaa biyyaan eegan hidhattootni koloneel Abiy Ahimed ammoo maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo da’oo godhachuun aduu dhi’ee bari’uun qe’ee hawaasa nagaa irratti guyyuu dhukaasaa ooluun uummanni lubbuu isaanii oolfachuuf jecha qe’ee fi qabeenyaa isaanii dhiisanii wayita jalaa dheessanitti, hattoota sirnichaan qabeenyaan isaanii guutummaatti saamamee barbadaa’aa jira.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee Qorii gandoota garaa garaa keessatti Amajjii 7, 2025 hidhattootni sirnichaa uummataan walga’ii bahaa jechuun wayita jiraattotni ba’uu dheessanitti dhukaasa qe’ee hawaasaa keessatti bananii jiraattota danuu qe’ee irraa buqqisanii qabeenyaa namootaa kaan barbadeessanii gariin ammoo saamaniiru.
Namoota qabeenyaan isaanii saamtota murna abbaa irree Bilxiginnaan jalaa barbadeeffamuun loon isaanii ammoo saamame keessaa muraasni maqaan nu ga’e jiraataa ganda Waaccootaa kan ta’e Umar Usmaan jalaa gaala 10’n yoo saaman, jiraataa magaalaa Fursee kan ta’an Obbo Ammad Umaree jalaa ammoo loon karra tokkoo ooffatanii deemuu jiraattota onichaa irraa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa qulqulleeffachuu danda’eera.
Dabalataan aanicha keessatti jiraattotni Muddee 25, 2024 hidhattoota sirnichaan maqaa maatii qabsaa’otaatii fi deggartoota WBO’ti jedhamuun qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa buqqifaman, hanga baatii Amajjjii kanaatti bakkee fi daandii gubbaa jiraachaa kan jiran yoo ta’u, sababa kanaanis daa’immanii fi maanguddootni beela, aduu fi qorraan harkatti laafanii jiru.

