• Mon. Mar 23rd, 2026

Dhiittaa fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa ergamtoota Abiy Ahimediin uummata nagaa irratti raawwatu Godina Kaaba Shaggar Aanaa Dharraa keessatti akkaan cimee itti fufe

Jan 13, 2025

ONM-ABO Amajjii 12, 2025 

Kaaba Shaggar aanaa Dharraa ganda Manqataa Waarihoo jedhamu keessaa Amajjii 9, 2025 loltoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti gubaatii manneenii, saamicha, hidhaa fi dararaa garaa garaa raawwatanii jiru.

Haaluma kanaanis, manneen qonnaan bultootaa 8 olii miidhaan nyaataa gosa garaa garaa gombisaa 4 fi ardaba 33 ol kan ta’u waliin ibidda itti shiduun barbadeessanii jiru. 

Qonnaan bultootni manni fi qabeenyi isaanii loltoota PP’n jalaa barbadaa’e kunneen:

  1. Gaddafaa Bahaaruu jalaa mana 2,
  2. Boshee Bahaaruu mana 2,
  3. Boggaalee Boshee mana 1,
  4. Abbayyee Imminee mana 1,
  5. Abbitee Girmaa jalaas mana 2 gubuun, 

xaafii ardaba 8 fi maashina huccuu hodhus saamanii kan deeman ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Dararaa isaanii ittuma fufuun guyyuma kana gandichuma keessaa dubartoota maqaan isaanii:

  1. Tiringoo Ahimed,
  2. Domboosh Habtaamuu,
  3. Gennet Abbitee fi 

kanneen biroo ammaaf maqaan adda hin baane ammoo qawwee fidaa jechuun mooraa waraana Bilxiginnaa magaalaa Cekkaa geessuun hidhanii dararaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading