• Sat. Jan 10th, 2026

Kibba Lixa Shaggar Aanaa Haroo Wancii keessaa miseensi waraana Bilxiginnaa tokko hidhannoo guutuudhaan gooticha WBO’tti harka kennate

Jan 15, 2025

ONM-ABO Amajjii 14, 2025 

Sabaa fi sablammoonni miseensa loltoota impaayera Itiyoophiyaa fedhii isaanii malee ukkaamfamanii loltuu ta’uun teessuma siyaasaa Koloneel Abiy Ahimed tiksuuf goleewwan Oromiyaa cufatti bobbaafaman, sirna moofaa ekeraa Minilikiin hargantu balfuun guyyaa gara guyyaatti Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu cimsanii itti fufanii jiru.

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Haroo Wancii mooraa waraana Bilxiginnaa ganda Gooroo keessaa Amajjii 10, 2025 miseensi Raayyaa Ittisa Impaayerattii sabaan Oromoo ta’e tokko qawwee dachaatuu AKM 1 hidhannoo waliin mooraa Bilxiginnaa keessaa baasuun WBO Birgeedii Ibiddaa onicha keessa socho’utti harka kennatee jira.

Simannaa fi kunuunsa ajaayibaa WBO’n isaaf taasisetti hedduu kan gammade miseensi Raayyaa Ittisa Impaayerattii duraanii kun, osoo hin beekin wallaalummaa isaatiin uummata Oromoo afaan qawwee itti qabuun dararaa ulfaataa irraan gahaa tureef dhiifama gaafachuun, innis manatti galee du’uu fi  dirqamaan qabamee milishaa ta’uu koorra qabsoo bilisummaa Oromoo ABO-WBO’n geggeessaa jirutti makameen, saba koof dhukaaseen aarsaa qabsoon gaafattu hunda kaffala jechuun carraa argate kanaan ergaa isaa dabarfatee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading