• Fri. Mar 13th, 2026

Gochoonni farra namoomaa lammiilee nagaa irratti ergamtoota sirnichaan raawwatu Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Raaree keessatti jabaatee itti fufe

Jan 16, 2025

ONM-ABO Amajjii 15, 2025 

Sabni Oromoo wayita sirna Gadaa isaa dhabee garbummaa jalatti kufee kaasee, jaarraa tokkoof walakkaa oliif abbootiin irree impaayerattii bulchan irratti wal jijjiiruun bara dhufaa darbaa gochoota dabaa fi gara jabina hamaan guutaman garaa garaa irratti raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Waraanni Bilxiginnaa aanaa Jimmaa Raaree ganda Sochoosaa Gammachiisaa bakka addaa Qonxor jedhamu keessaa Amajjii 9, 2025 namoota maqaan isaanii Shimee Dajanee fi Gidaadoo Taarikuu jedhaman badii tokko malee bakka hojii isaaniitii qabuun, lamaan isaanii wadaroon walitti hidhanii reebicha hamaa erga irraan ga’anii booda, bilbila isaanii keessaa sarara quunnamtii (SIM card) fi waraqaa yaadannoo (memory card) baasanii dirqamaan liqimsiisan. 

Boodarras, du’aniiru jechuun dhiisanii hoggaa deeman, birmannaa hawaasni naannoo isaaniif taasiseefiin bakkichaa fuudhamanii mana yaalaa geeffamuun, yeroo ammaas haalli fayyummaa isaanii kan baay’ee nama yaaddessu ta’uu maddeen ONM’tti himanii jiru.

Namoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirree fi hojii qonnaa qofa hojjechuun jireenya dhuunfaa isaanii kan geggeeffatan ta’uunis eeramee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading