• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaalee Saasiggaa fi Gobbuu Sayyoo keessatti loltoonni Abiy Ahimed jiraattota butanii achi buutee dhabamsiisuu fi saamuu cimsanii itti fufan

Jan 17, 2025

ONM-ABO Amajjii 17, 2025 

Aanaa Saasiggaa ganda Biqiltuu Shonkooraa jedhamu irraa Amajjii 12, 2025 ergamtoonni hoogganaa fi ajaja malee akkuma fedhan socho’an, loltoonni koloneel Abiy Ahimed badii tokko malee dargaggoo Geetaachoo Araarsoo jedhamu ukkaamsuun achi buutee isaa dhabamsiisanii kan jiran ta’uu jiraattonni gandichaa dubbisne ONM’tti himanii jiru.

Dargaggoon achi buuteen isaa dhabame kun siyaasa kam keessa illee kan hin jirree fi sababa sobaa maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun akka ukkaamfames maddeen itti dabaluun ibsaniiru.

Oduu saamichaatiin ammoo, godinuma kana aanaa Gobbuu Sayyoo ganda Alamii Hiyyeessaa iddoo addaa Odoo jedhamu keessaa Amajjii 11, 2025 qonnaan bulaa Joree Motoraa jedhamu jalaa loltoonni Abiy Ahimed qotiyyoo 2 ooffatanii deemuu maddeen itti dabaluun ONM’f eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading