• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaatti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa kaffaltii gosa garaa garaatiin jiraattota saamuu cimsanii itti fufan

Jan 17, 2025

ONM-ABO Amajjii 16, 2025 

Ergamtoonni Bilxiginnaa impaayera Itiyoophiyaa dinagdeen ishee gama maraan butute suphuuf jecha qe’ee uummata Oromootti bobba’uun saamicha ulfaataa ta’een jiruuf jireenya isaa golgoleessaa jiru.

Aanaa Saqqaa Coqorsaa bakkeewwan hedduutti  saamichi hawaasa nagaa irratti raawwatu kan durii caalaa bifa jijjiirratee hammaatee itti fufuun, torban darbe irraa eegaluun gandoota akka Ushaanee Qoocee fi Meexxii Abbayyii keessatti kaffaltii Raayyaa Ittisa impaayerattiif jechuun kanneen harka qalleeyyii ta’an irraa gadaanaan qarshii 500 akkasumas, kanneen jireenya fooyya’aa jiraatan irraa ammoo hanga 1000’tti nama tokko bira osoo hin darbin dirqamaan guuraa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Aanicha keessatti dhiittaa fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa illee hammaachuun dararaan guyyuun ilmaan Oromoo irratti raawwatu daran jabaatee itti fufee jiraachuu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading