• Wed. Jan 14th, 2026

Bulchiinsa Magaalaa Hoolataatti koreen qindeessituu Magaalaa fi hojjettoonni waajjira lafaa magaalichaa waliin ta’uun, saamichaa fi gochaa seeraan alaa uummata irratti geggeessaa jiraachuun dhagaa’ame

Jan 22, 2025

ONM-ABO Amajjii 20, 2025 

Koree Qindeessituun magaalaa Hoolataa, hoogganaa waajjira lafaa fi hojjettoota waajjira lafaa iddoo hannaa hojjetan waliin ta’uun saamicha raawwachaa kan jiran yoo ta’u, hojjettoonni waajjira lafaa keessa hojjetanis lafa karaa seeraan alaa gurguruu fi galii guyyaa guyyaan waajjirrichi  galchaa oolus Koree qindeessituu magaalaa shananiif kan qoodan ta’uun eeramee jira.

Ergamtoonni garaa isaanii guuttachuu qofaaf jiraatan kunneen magaalicha keessaa jiraattota dararuu hammeessuun, jiraattonni lafa isaanii irratti mana kan hin ijaarre yoo ta’e, sobanii “lafti kee qullaa waan ta’eef Baankii Lafaatti galmaa’eera, deebistee irraa haqsiistee dhuunfachuuf ammoo maallaqa hangana si gaafata” jechuun, kaffaltii humnaa olii qarshii kuma dhibba lamaa fi isaa ol (200,000) malaammaltummaadhaan saamaa kan jiran ta’uu maddeen amanamoo gola Bilxiginnaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Haaluma wal fakkaatuun, magaalicha keessaa namni tokko yoo mana bitate ragaa abbaa qabeenyummaa/maqaa jijjiiruuf kaffaltii seeraan alaa qarshii kuma dhibba sadii (300,000) kaffalaa kan jiruu fi lafa karaa Dijiitaalaatti jijjirra jechuunis qarshii 30,000 hanga 50,000’tti seeraan ala kaffalchiisaa kan jiran ta’uu maddeen himan.

Kana malees, kaffaltii humnaan olii kanneen akka: Gibiraa, Buusaa Gonofaa, Ispoortii, Waldaa Misooma Oromiyaa, Fannoo Diimaa fi nyaata barataa jechuun saamicha hamaa uummata irratti geggeessaa kan jiran yoo ta’u, duula galii guuruu jechuunis, bakkeewwan akka: Keellaa fi Manneen jiraattootaa irra deemuun uummata mankaraarsaa jiru.

Murni lammiileen impaayerattii hundi balfee fi dinagdeen kasaare kun maallaqa uummata irraa guuree pirojektii miidhagina magaalaa jechuun wantoota callaqisoo hundee irraa jireenya hiyyeessotaa hin jijjiirre hojjechuutti bobba’uu fi liqii IMF galchuuf dhama’aa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading