ONM-ABO Amajjii 25, 2025
Finxaaleeyyiin Amaaraa murnoota Bilxiginnaa firoomfachuun gara jabina hamaa ta’een guyyaa guyyaan ilmaan Oromoo butanii qarshii guddaa gaafachuu, ajjeesuu, horii saamanii qalachuu fi miidhaa tilmaama hin qabne raawwachaa jiraachuun akkuma beekamu, addatti immoo godina Horroo Guduruu aanaalee adda addaa irratti hiraarsaa ulfaataa geessisaa jiru.
Aanaa Abee Dongoroo ganda Gaara Haroo bakka addaa Dilbii jedhamu irraa finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa Faannoo jedhuun socho’an Amajjii 20, 2025 uummata irratti dhukaasa banuun qe’ee irraa buqqisuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni himanitti, ganda kana keessaa bakka Gulantee, Toora, Kaarra Durbaa fi bakkeewwan biroo hedduutti finxaaleeyyiin Amaaraa miidhaa adda addaa geessisaa kan jiran ta’uu eeruun, gandoota aanichaa hunda keessatti hiraarsaa yeroo yeroon irratti raawwatamuuf yaaddoo hamaa keessa kan jiranii fi qaamoleen mootummaa finxaaleeyyii kana gargaaruun hawaasa buqqisaa kan jiran ta’uu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ibsanii jiru.


