ONM-ABO Amajjii 25, 2025
Duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti sababa tokko malee geggeessaa kan jiru waraanni Bilxiginnaa dinagdee Oromoo quucarsuuf jecha sababoota garaa garaa itti tarreessuun qabeenya uummata nagaa saamaa fi barbadeessaa jira.
Aanaa Daarimuu ganda Uchee jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf bobba’an saamicha hawaasa irratti raawwatan jabeessuun konkolaachiftoota doqdoqqee irraa qarshii kuma tokko tokko torbee darbe irraa eegaluun dirqamaan guuraa jiraachuu fi gibira humnaan olii hawaasa nagaa irratti dabaluun rakkisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Oduuma walfakkaatuun, godina Baha Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Kiichii jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa Amajjii 24, 2025 nama maqaan isaa Obbo Wandimmuu Takkaa jedhamu jalaa badii tokko malee “Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachifta” jechuun mana daldalaa isaa erga cabsanii booda meeshaalee inni mana keessaa qabu hunda saamuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Obbo Wandimmuun nama hirmaannaa siyaasaa kam keessaayyuu qooda hin qabne yoo ta’u, lukkeeleen Bilxiginnaa sobaan yakkanii dukkaana isaa cabsuun meeshaalee dukkaana keessa jiran hunda saamuun dhugaatii biiraa illee baay’inaan hedduu ta’u jalaa dhuganii deemuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.


