• Thu. Jan 15th, 2026

Kufaatii dinagdee impaayera Itiyoophiyaa mudate sababeeffachuun, goleewwan Oromiyaa cufa keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa bifa adda ta’een hawaasa nagaa irratti duula saamichaa geggeessuu itti fufan 

Jan 28, 2025

ONM-ABO Amajjii 27, 2025 

Murni Bilxiginnaa dinagdee isaa jalaa quucare deebisee damdamachiisuuf, gocha dabaa seenaa impaayerattii keessatti lammiilee nagaa irratti raawwatamee hin beekne saamicha daangaa darbeen dararaa ulfaataa geessisaa jira.

Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee bakkeewwan addaa addaatti ergamtoonni sirnichaa maqaa kaffaltii gosa garaa garaa itti dhahuun jiraattota humnaa ol saamaa kan jiran yoo ta’u, haaluma kanaanis nama tokko irraa:

  1. Kaffaltii Ishuraansii Fayyaa qarshii 1280,
  2. Waldaa Misooma Oromiyaa irraa qarshii 300,
  3. Ispoortii qarshii 100,
  4. Fannoo Diimaa qarshii 100,
  5. Mana Murtii Aadaa qarshii 100,
  6. Milishaa ji’a ji’aan qarshii 500,
  7. Daandii qarshii 150,
  8. Buusaa Gonofaa qarshii 900,
  9. Waajjira gandaa qarshii 400 akkasumas,
  10. Kaffaltii Mana barumsaa jechuunis qarshii 400 

dirqamaan afaan qawwee itti qabanii saamaa kan jiran ta’uu jiraattonni ONM’tti himan.

Saamichi kun jabaatee ittuma fufuun, godinuma kana aanaa Guutoo Giddaa gandoota baadiyyaa cufa keessatti kaffaltii gibiraa jechuun qonnaan bultoota harka qalleeyyii irraa gadaanaan qarshii 4,200 fi olaanaan ammoo qarshii 12,000 fi isaa ol guuraa kan jiran ta’uu maddeen himan.

Namoonni hedduunis kaffaltii humnaa olii kana waan kennan dhabuun hidhaatti guuramaa akkasumas, loon dabalatee qabeenyi isaan qaban hundi ergamtoota sirnichaan jalaa saamamaa jiraachuun eeramee jira.

Akka godina Baha Wallaggaatti kaabinoonni Bilxiginnaa naannoo irraa gadi bu’uun yeroo dheeraaf magaalaa Naqamtee keessa maandheffatanii jaleewwan isaanii hawaasatti bobbaasuun saamsisaa jiran maqaan isaanii: Kookabee Didhaa itti gaafatamtuu biiroo tajaajila hawaasa Oromiyaa fi Tsaggaayee Abdiisaa itti aanaa itti gaafatamaa biiroo galiiwwan Oromiyaa ta’uun barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading