• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaalee Baakkoo Tibbee fi Iluu Galaan keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa bifa adda ta’een jiraattota saamuu itti fufan

Jan 29, 2025

ONM-ABO Amajjii 28, 2025 

Godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee keessatti saamichi lammiilee nagaa irratti yeroo yerootti ergamtoota sirnichaan raawwatu jabaatee ittuma fufuun, torban darbe keessa “horii Qeerroo Bilisummaa Oromootu si bira jira” jechuun nama maqaan isaa Aabbuu Tarfaa jedhamu jalaa loon 16 ooffatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Haaluma wal fakkaatuun, aanaadhuma Baakkoo Tibbee fi Iluu Galaan keessatti maqaa kaffaltii gibiraanis saamichi kun hammaachuun, afaan qawwee itti qabanii nama tokko irraa gadaanaa qarshii 9,000 fi olaanaa ammoo hanga qarshii 15,500’tti saamaa jiraachuu maddeen himan.

Kana malees, gandoota baadiyyaa aanota kanneenii irraa hawaasni hoggaa gara magaalaa Baakkoo fi Ijaajjii deeman gatii Kottee jechuun nama tokko irraa qarshii 200 fudhachaa jiraachuu fi keellaa loon itti gurguramutti gurguratanis, yoo hin gurgurinis kaffaltii seeraa dur qarshii 200 ture, yeroo ammaa 600 galchanii hawaasa dararaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading