ONM-ABO Gurraandhala 2, 2025
Gareen faashistii PP gochoota hamaa raawwatuun, daataa fi ragaa guutuu kan sobu uummata nagaa suursagaleen waraabaa ajjeesaa, manneen isaa gubuun caasaalee isaanii oliif suursagaleen deggeramuun dhiiyeessaa fi gochoota suukkaneessoo adda addaa raawwatuun qe’ee Oromootaa barbadeessaa dhugaa saba bal’aas ija addunyaa jalaa dhoksuuf yaalii taasisaa jiru cimsee itti fufeera.
Bifuma kanaanis Amajjii 31, 2025 godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Qal’inaa fi Waldaa Maqdallaa keessatti waraanni faashistii PP saamicha loonii fi manneen jiraattotaa gubuun ibsameera.
Namootni saamaman kunneenis:
- Obbo Tolaa Foollee jalaa loon tokko waatii waliin
- Obbo Waldee Tufaa jalaa loon 2 oggaa saaman, jiraataa ganda Waldaa Qal’inaa kan ta’e
- nama maqaan isaa Obbo Goobanaa Hulluqaa jedhamu ammoo mana jireenyaa isaa guutummaa guutuutti ibidda itti shidanii barbadeessuun ifoomeera.


