• Wed. Mar 18th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waamaa Hagalootti loltoonni faashistii PP maatii qabsaa’otaa irratti manneen gubuu fi saamicha raawwachuu hammeessan

Feb 8, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 5, 2025 

Aanaa Waamaa Hagaloo ganda Baataa Awwaangiroo keessaa Gurraandhala 2, 2025 maqaa “isin maatii qabsaa’otaati” jedhuun Obbo Kabaa Qajeelaa fi Obbo Mootummaa Addunyaa namoota jedhaman jalaa waraanni faashistii PP mana jireenyaa isaanii qabeenya hunda waliin ibidda itti shidanii barbadeessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Gochi gara jabinaa maatii qabsaa’otaa irratti raawwatu kun jabaatee itti fufuun, ganduma kana keessaa Gurraandhala 3, 2025 Obbo Mulaatuu Olii fi Asaffaa Daggafaa jalaa ammoo midhaan nyaataa gosa garaa garaa isaan kuusaa keessaa qaban tokko osoo hin hambisin konkolaataa lamaan fe’atanii deemuu maddeen himan.

Maatiin qabsaa’otaa manneen jalaa gubatee fi qabeenyi isaanii guutummaan saamame kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirre hoggaa ta’an, armaan duras maqaadhuma kanaan badii tokko malee jumlaan qe’ee fi qabeenyaa irraa ukkaamfamuun gaaffii seeraa tokko malee baatii dheeraaf mana hidhaa keessatti gidirfamaa  kan jiran ta’uunis ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading