• Fri. Jan 2nd, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaalee Algee Saachii fi Daarimuu keessatti hidhaa fi saamichi ergamtoota sirnichaan lammiilee nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufe

Feb 9, 2025

ONM-ABO Guraandhala 8, 2025 

Jiraataa Aaanaa Algee Saachii ganda Coqorsaaf Dooyyuu kan ta’e nama maqaan isaa Xahaa Maammad jedhamu ergamtoonni Bilxiginnaa “ati miseensa WBO’ti” ittiin jechuun badii tokko malee Guraandhala 1, 2025 qabeenya mana isaa keessa jiru wantoota garaa garaa jalaa saamanii, isas qabanii deemuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Haaluma wal fakkaatuun, godinuma kana keessatti jiraataa aanaa Daarimuu ganda Gungummii kan ta’e Addisuu Sambii kan jedhamu Amajjii 29, 2025 obboleessa isaa dubbisuuf gara godina Bunnoo Beddellee osoo deemaa jiruu ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee “ergama deemaa jirta” jechuun magaalaa Beddellee keessaa ukkaamsuun, yeroo ammaa waajjira poolisii aanaa Algee Saachii keessatti gaaffii seeraa tokko malee hidhamee dararamaa kan jiru ta’uu maddeen himan.

Kana malees, aanaa Daarimuu bakkeewwan addaa addaa keessatti Lukkeeleen Bilxiginnaa qonnaan bultoota hojii dhuunfaa isaanii irraa ugguruun waajjira gandaa ijaarsisaa kan jiranii fi oomishaalee akka: midhaan nyaataa fi buna illee jalaa saamuun dararaa ulfaataa irraan gahaa kan jiran ta’uunis dabalataan ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading