• Mon. Jan 12th, 2026

Kibba dhiha Chaayinaatti sigiga lafaa mudateen namoonni 30 ol achi buuteen isaanii dhabame

Feb 10, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 9, 2025 

Kibba dhiha Chaayinaa bulchiinsa Sichuyaan keessatti Sanbata kaleessaa sigiga lafaa mudateen namoonni 30 ol achi buuteen isaanii dhabamuu dhaabbatni oduu mootummaa Chaayinaa CCTV’n gabaaseera.

Balaa kanaanis ”Manneen kudhan awwaalamanii kan turan yoo ta’u, namoonni 30 ol achi buuteen isaanii dhabameera,” jedha CCTV.

Itti dabaluudhaanis, “Pireezidaantiin Chaayinaa Shiin Jiinping aanga’oonni ‘namoota badan sakatta’uu fi baraaruuf, miidhaa irra ga’u xiqqeessuu fi miidhaa booda dhufu sirnaan akka to’atamuuf waan danda’amu hunda akka godhan ajajee ture,” jedheera.

“Ministeerri Bulchiinsa Balaa Tasaa Chaayinaa barreeffama toora interneetii irratti baaseen namoonni lama baraaramuu isaanii ibseera.”

Itti dabaluudhaanis, ”Gareen deebii hatattamaa bakka sanatti namoota lubbuun hafan barbaadaa turan,” jedheera jechuun AFP’n  gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading