• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Booranaa keessatti tiksitoota impaayera Itiyoophiyaan hidhaa fi saamichi uummata irratti cimee itti fufe

Feb 25, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 19, 2025 

Godina Booranaa aanaa Goomolee keessatti Amajjii 28, 2025 irraa kaasee hidhattoota sirnichaan hidhaa fi saamichi daangaa hin qabne hawaasa nagaa irratti raawwatamaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Akka maddeen jedhanitti godina Booranaa aanaa Goomolee ganda Bildiimii Rasoo keessatti maqaa kaffaltii adda addaan uummatni hiraarfamaa jiraachuun kan himamu oggaa ta’u, Keessattuu Gurraandhala 14, 2025 irraa eegalee maqaa gosa kaffaltii Gumaata Abbaa Gadaa jedhuun kaabinoonni Bilxiginnaa kanneen maqaan isaanii:

● Qancooraa Hirbaayyee,

●  Hasan Ballaa,

●  Qancooraa Guyyee,

●  Gannaalee Adoolaa fi 

● Huqqaa Duubee jedhaman uummata irraa dirqamaan humnoota waraanaa fayyadamanii guuraa jiraachuun ifoomeera. 

Kaffaltiin uummata irraa guuramaa jirus tokkoon tokkoon namootaa irraa qarshii 500 oggaa ta’u namoonni harka qalleeyyiin homaayyuu kaffaluu hin dandeenye ammoo yakkamanii hidhaatti guuramaa jiraachuunis addeeffameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading