• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuu keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruu akkaan cimsanii itti fufan

Feb 25, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 19, 2025 

Ergamtoonni kaayyoo fi karoora hin qabne loltoonni faashistii PP, kutaalee impaayerattii cufa keessaa haala duraan barameen olitti sabboontota ilmaan Oromoo adamsanii hidhaatti darbachuu itti fufanii jiru.

Aanaa Daarimuu ganda Gungummii keessaa Gurraandhala 3, 2025 nama maqaan isaa Geetaachoo Dingataa jedhamu “Waraana Bilisummaa Oromoo deggerta” jechuun ergamtoonni sirnichaa mana isaatii ukkaamsuun waajjira poolisii aanaa Daarimuutti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namni kun siyaasa kam illee kan hin hordofnee fi maqaa sobaan yakkamee gaaffii seeraa tokko malee mana hiraarsaa keessatti rakkachaa kan jiru ta’uu dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading