ONM-ABO Gurraandhala 19, 2025
Qondaaltonni Jaappaan akka jedhanitti, qondaaltonni olaanoo Taalibaan Afgaanistaan mariidhaaf Jaappaan kan jiran yoo ta’u, kunis qaama tattaaffii Tookiyoon Afgaanistaan sirna siyaasaa hunda hammate akka ijaartuu fi mirga namoomaa eeguuf gargaaruudha.
Erga Taalibaan bara 2021 Afgaanistaan to’atee booda imala dippilomaasii naannoo Giddugaleessa Eeshiyaa-Baha Giddugaleessaatiin alatti godhan isa jalqabaati.
Qondaaltonni olaanoo Taalibaan eenyummaan isaanii hin beekamne dhaabbata deggarsa kennu Nippon Zayidan irraa kan affeeraman yoo ta’u, qondaaltota Ministeera Dhimma Alaa Jaappaan waliinis haasa’uuf akka jiran barreessaan olaanaa kaabinee Yoshimasa Hayashi Wiixata dheengadda gaazexeessitootaaf ibsaniiru.
Qondaaltonni Taalibaan “ijaarsa biyyaa isaanii gara fuula duraatiif ilaalcha bal’aa qabaachuu fi namoota saaxilamoo ta’aniif gargaarsa namoomaa hawaasa addunyaa irraa bal’inaan fudhachuu akka qaban caalaatti hubachuuf akka isaan gargaaran affeeramaniiru,” jechuun Nippon Zayidan ibsa kenneen dubbateera.
Jaappaan Taalibaan akka mootummaa seeraa Afgaanistaan ta’etti sirnaan beekamtii hin kennitu.
Daangeffamni Taalibaan dubartootaa fi shamarran irratti kaa’u Taalibaan mootummaa seeraa Afgaanistaan ta’uun beekamtii akka hin arganneef gufuu guddaadha.
Imala kana jalqaba kan ifa godhe itti aanaa ministeera dinagdee Taalibaan Latif Nazari yoo ta’u, waltajjii X irratti “jilli sadarkaa olaanaa” gara Jaappaan akka qajeelu fi Taalibaan miseensa hawaasa addunyaa cimaa ta’ee addunyaa waliin hirmaannaa kabajamaa akka barbaadan maxxanseera jechuun Asoosheetid Pirees gabaaseera.

