• Fri. Mar 20th, 2026

WBO waa’ee ‘Mootummaa Ce’umsaa Waloo’ ABO fi KFO’n hundeessina jedhan irratti maal jedha? BBC Afaan Oromoo Gurrhaandala 25, 2025

Feb 25, 2025

Mootummaa Ce’umsaa ABO fi KFO akka ijaaraniif imaanaan nutti kenname jedhan kun ”diraamaa fakkaata” jedhe ABO-WBO.

Jilli jaarmiyaalee hawaasa Oromoo adda addaa, Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Kongirasii Federaalistii Oromoo (KFO) dabalate, walgahii guyyaa sadiif Finfinneetti gaggeeffame rakkoo siyaasaa fi nageenyaa naannoo Oromiyaa furuuf ”Mootummaan Ce’umsa Waloo” ABO fi KFO’dhaan akka hundaa’uu qabu himan.

Mootummaa Ce’umsaa Waloo jedhan keessatti ammoo yeroo ammaa mootummaa waliin walitti bu’insa keessa kan jiru Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) qaama nageenya kabachiisaa naannoo Oromiyaa tahuun akka hammatamu waliigaluu ibsan.

Gorsaa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO kan tahan Obbo Jireenyaa Guddataa jilicha ilaalchisee, ”bakka bu’aas achi keessaa hin qabnu, hin gaafatamnes, nu waliinis hin mari’atamne” jechuun deebisan.

Itti dabaluunis, ”mootummaatu waan gama tokkoon gaafatamu gama biraan yaaluuf yoo tahe malee har’ayyuu humni keenya humnoota mootummaa waliin wal waraanaa jira,” jechuun walgahii jedhame kana keessatti akka hin hirmaannee himan.

Obbo Jireenyaan, ”WBO qaama Mootummaa Ce’umsaa kanaa tahee ABO fi KFO jalatti haa qabamu” jechuun dogoggora akka tahe kaasu.

”ABO-WBO jaarmiyaa of danda’ee socho’udha. Kaayyoo siyaasaa fi galma mataasaa qaba,” jedhan.

Paartileen akka KFO silumaayyuu qabsoo nagaa gaggeessaa turan malee waraana qabaatanii hin beekan kan jedhan Obbo Jireenyaan, ”afaanfaajjii uumanni akkuma Sanyii fa’aa galan sana gochuuf yoo tahe malee waan tahu miti” jedhan.

Paartileen akka KFO silumaayyuu qabsoo nagaa gaggeessaa turan malee waraana qabaatanii hin beekan kan jedhan Obbo Jireenyaan, ”afaanfaajjii uumanni akkuma Sanyii fa’aa galan sana gochuuf yoo tahe malee waan tahu miti” jedhan.

”Jaarmiyaa of danda’ee socho’u tokko dhufee ana jalatti waaradiyaa anaaf haa tahu jechuuniyyuu arrabsoodha,” jedhan.

Kana dura waa’ee mootummaa ce’umsaa ka’u Ministira Mummee Abiy Ahimed ‘waan ce’umsa jettan dhiisaa. Kun sirrii miti’ jedhee aariidhaan dubbatee ture kan jedhan Obbo Jireenyaan, mootummaaniyyuu ni eeyyamaafii? jechuun gaafatu.

”Paartiin karaa nagaa falmeen aangoo qabadha jedhu waraanni kun nu jalatti haa galu jechuuniyyuu maal jechuudha? Yaadichi wal hin dhahuu?” jechuun dabalanii gaafatu.

Itti dabaluun jilli kun akka qophaa’uuf mootummaatu deeggare odeeffannoo jedhu qabna jedhan Obbo Jireenyaan.

Kanaaf, akkamittiin WBO mootummaa waliin wal waraanaa jiru qaama ”Mootummaa Ce’umsaa Waloo gochuu danda’u?” jechuun gaafatu.

Dura Taa’aan KFO Piroofeser Mararaa Guddinaa jilicha qopheessuuf mootummaatti beeksisuu fi eeyyama argachuun dirqama waan taheef kana gooneerra jedhan.

Nama hamma kanaa osoo mootummaatti hin beeksisiin akkamiin walitti qabda? jedhan.

Haa tahu malee, ”marii keenya irratti dhiibbaa homaa nurratti hin taasifne. Waan barbaanne irratti waliin mari’anne. Murtee dabarsine kanayyuu qabannee mootummaatti dhiyeesineeti kan irratti mari’annu. Abbaa Gadaa, jaarsa biyyaa waan kana nutti kennanniiru jennee dhiyeesinaaf” jedhan.

Piroofeser Mararaan ”WBO waliin marii taasifne hin qabnu. WBO saba Oromoof manaa bahe. Sabni Oromoo akka bilisa bahuuf qabsaa’uuf manaa bahe. Qaama kana alatti dhiisnee nagaa finnu hin qabnu,” jedhan.

WBO fi Mootummaan gaafa Taanzaaniyaatti mariira turan mootummaanis isaanis nu hin waamne. Isaanis osoo laga ce’anii jiraatan ykn mootummaa ce’umsaa ijaarani nuun hirmaachisuutu isaanirra jira ture. Nuyis isaan achitti dhiisnee qofaa keenya mootummaa waliin taanee rakkinicha furra jennee hin amanu” jedhan.

”Imaanaan nuuf kenname tokko isaanis waraana dhiisanii mootummaa ce’umsaa keessa galanii nagaa eegduu, daangaa eegduu haa tahan gaafa jennu isaaniifis qooda kaa’aa jirra jechuudha. Hundinuu qooda mataa keenyaa haa qabaannuudha,” jedhan.

Mootummaan ijaarsa mootummaa ce’umsaa jedhame kana ilaalchisee waan jedhe hin qabu. Garuu ABO’n kana duras irra deddeebiin mootummaa ce’umsaa labsee itti hin milkoofne.

https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/cj67z9n41pyo?at_ptr_name=facebook_page&at_link_origin=BBC_News_Afaan_Oromoo&at_format=image&at_link_id=D94DB874-F358-11EF-B7F4-C7A9AA2EA57A&at_link_type=web_link&at_bbc_team=editorial&at_campaign=Social_Flow&at_campaign_type=owned&at_medium=social&fbclid=IwZXh0bgNhZW0CMTEAAR1_5B-6W1buke5Si5HIb4k-h-cmNTp4HlxHzZXtXezXYuw5c33EPDguzSw_aem_GhDFUSrspXhgrN107a_t-w

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading