• Thu. Mar 19th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Liiban Jaawwii keessatti daa’ima waggaa shanii dabalatee hidhaa, reebichaa fi saamichi maatii qabsaa’otaa irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

Mar 1, 2025

ONM-ABO Bitootessa 1, 2025 

Aangaa’onni murna faashistii PP holola qofaan akka waan Oromoof bu’aa buusaniitti soba afarsaa faallaa isaa “ilmaan keessantu hidhatee bosona jira; dafaa galchaa” jechuun gara hawaasa nagaa fi maatii qabsaa’otaatti deebi’uun  dararuu hammeessanii jiru. 

Aanaa Liiban Jaawwii ganda Agalgobboo Basaallee jedhamu keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa Gurraandhala 22, 2025 daa’ima waggaa 5 kan maqaan ishee Mittoo Damoozee jedhamtu osoo haati ishee dugdatti baattee deemtuu “abbaan ishee bosona waan jiruuf, hanganni galutti hin gadhiifnu” jechuun haala nama gaddisiisuun haadha ishee irraa buusuun daa’ima kana fuudhanii mana hidhaa galchuun korma sangaa tokko harmee ishee jalaa fudhatanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Aanaadhuma kana ganda Gaamoo Wallisoo jedhamu keessatti torban tokko dura waraanni Bilxiginnaa maqaa “obboleessa keetu hidhatee bosona jira” jedhuun nama maqaan isaa Qannoo Addunyaa jedhamu badii tokko malee wadaroo morma isaatti hidhuun lafarra harkisanii haala suukkanneessaa ta’een reebicha irratti raawwachuun miidhaa qaamaa ulfaataaf saaxiluun, qotiyyoo tokko dirqamaan jalaa qalatanii nyaachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading