ONM-ABO Bitootessa 3, 2025
Murni Bilxiginnaa dinagdee fi gartuu siyaasaa to’annoo abbaa irree jala turan harkaa baasee ummatni akka to’atu taasisa jedhe osoo sabni eeguu, daranuu gara jabummaa kan sirnoota dabran olii agarsiisuun Oromiyaa dirree goolama siyaasaa fi bakka gubannaa uummataa taasisee saamicha, hidhaa fi ajjeechaa raawwachaa jiru cimsee itti fufee jira.
Aanaa Sayyoo Nooleetti jiraataa ganda Duwwisoo kan ta’e nama maqaan isaa Jamaal Ahimad jedhamu gibira kaffaluu didde jechuun Gurraandhala 27, 2025 waraanni Bilxiginnaa barbaachaaf gara mana isaa oggaa dhaqan, mucaan isaa daa’ima umrii 10 kan taate loltoota PP kanneen arguun naatee baqattee wayita isheen manatti ol seentu; “abbaan kee eessa jira” jechuun manaa gadi fuudhanii reebicha ulfaataa oggaa irraan gahan, abbaanis “maaloo dhala koo na jalatti hin ajjeesinaa” jedhee wayita gadi itti ba’ee kadhatu; isas reebicha ulfaataa irratti raawwachuun harka isaa duubatti hidhanii fuudhanii deemuun waajjira poolisii magaalaa Dabbasootti hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa dubbisne ONM’tti himan.
Kana malees, aanichuma ganda Filfilii jedhamu irraa ammoo jiraattota dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuraa kan jiran yoo ta’u, torban lamaan darbe keessa nama maqaan isaa Obbo Taakkalee Ittaanaa jedhamu fedhii isaa malee qe’ee fi qabeenya isaa irraa qabanii gara leenjii geessuun maatiin isaa qofaatti hafanii nama isaan deggeru dhabuun egeree isaaniif yaaddoo guddaa keessa galanii jiraachuu maddeen itti dabaluun ONM’f eeranii jiru.


