• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaalee adda addaatti waraanni faashistii PP rifeensa nam-tolchee faayamuun miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuun himame

Mar 7, 2025

ONM-ABO Bitootessa 7, 2025 

Waraanni murna PP rifeensa namtolchee tolfachuun godina Lixa Wallaggaa aanaalee akka Aayiraa, Gullisoo, Baabboo Gambeelii fi Jaarsootti halkan da’oo godhachuun manneen jiraattotaa irra deemanii hawaasa hirriba irraa kaasuun “nuti Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhanii rifeensa nam-tolchee hodhachuun saamicha, gudeeddii fi ajjeechaa raawwachaa jiraachuu jiratoonni ONM’tti himaniiru.

Kana malees bakkeewwan tokko tokkotti ammoo imala dheeraa deemnee dhufne nyaata nuuf qopheessaa, ijoolleen qeerroo eessa jiruu? fi abbaan gadaa ykn geggeessaan qaxanaa kanaa eenyuudha? jechuunis namoota ofii barbaadan kiyyoo isaanii keessa galfachuuf tooftaa adda addaa jijjiiranii akka jiranis itti dabaluun ibsaniiru.

Murni faashistii PP Waraana Bilisummaa Oromoo fi uummata Oromoo wal irraa fageessuuf gochootaa fi ragaalee sobaa bifa dookimentiin qindeessee suursagaleen dhiyeessus, hammeenyaa fi ilaalcha dabaa sirnichi WBO’f qabu kan hubate uummanni Oromoo, har’as gochoota WBO bakka hin buune adda addaa waraanni faashistii PP uummata irraan ga’u hubatee balaaleffachuu malee Bilxiginnaa deggeruun yeroon ijoollee isaa of irraa dhiibu hin argamu. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading