• Wed. Mar 11th, 2026

Arsii Bahaa Aanaa Martii keessatti murni PP hidhaa fi reebicha uummata irratti raawwachuun gidirsaa jiraachuun barame

Mar 18, 2025

ONM-ABO Bitootessa 18, 2025 

Waraanni impaayera bututaa Itiyoophiyaa suphuuf dhamaatu ergamtoonni Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa cufa keessatti hawaasa jiruu fi jireenya dhorkanii hiraarsaa jiran Bitootessa 15, 2025 aanaa Martii ganda Heellaa Akkiyyaa  iddoo addaa Ardaa Littuu jedhamu keessatti hawaasa mana isaanii keessaa guuranii maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo wajjin hariiroo qabdu jedhuun reebicha erga irraan ga’aa turaniin booda namoota hedduu qabanii magaalaa aanaa Martii Abboomsaa geessuun waajjira Poolisii keessatti ganamaaf galgala reebaa jiraachuu maddeen ONM’f eeranii jiru.

Namoota hidhamanii jiran kana keessaa kanneen maqaan nu gahe: 

  1. Abbee Haajii, 
  2. Haroo Kadiroo, 
  3. Abdallaa Mahaammad, 
  4. Kaamis Haajii Huseen, 
  5. Makkiyaa Adam, 
  6. Aaliyaa Roobaa, 
  7. Aliyyii Sheek Adam,  
  8. Huseen Sheek Ahimad fi 
  9. Addis Haajii kanneen jedhamaniidha.

Haaluma wal fakkaatuun aanaadhuma Martii ganda Wataroo Diinoo araddoota  akka Diinoo, Baqulaa, Baaldii, Harooreettii, Dileebaa, Ittisa, Xeencichoo fi Qarree Jamaa keessatti waraanni Bilxiginnaa kunneen hawaasa magaalaa deemu meeshaalee isaanii irraa saamuu fi ooyiruu isaanii keessa deemanii midhaan isaanii mancaasaa jiraachuus dubbatu.

Kana malees meeshaalee gurguddaa irratti dhukaasuun namoota mana isaanii keessaa weerarsanii baasuun akka isaan manatti hin deebineef ammoo waraana keessa qubsiisuu fi meeshaalee mana isaanii  keessa jiru guutuu caccabsuun daa’imman isaanii reebuu fi loon jiraattotaa qalatanii nyaachaa akka jiranis addeeffameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading