• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Dirree Hincinniitti loltoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhuu, saamuu fi rasaasaan dha’uu cimsanii itti fufan

Mar 18, 2025

ONM-ABO Bitootessa 18, 2025 

Aanaa Dirree Hincinnii ganda Arfinjoo Dagaa jedhamu irraa Bitootessa 14, 2025 abbaa ayyaantummaa yookaan Qaalluu kan ta’e, Obbo Jifaaraa Akkumaa nama jedhamu loltoonni Bilxiginnaa halkan toora sa’a 3:00’tti gara mana jireenyaa isaa dhaquun isa dabalatee miseensota maatii isaa namoota 10 fi kanneen biroo baay’inaan 21 ta’an kadhannaa taasifachuuf jecha godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayyaa fi bakkeewwan garaa garaa irraa mana isaa deemanii achi jiranis walumatti jumlaan ukkaamsanii deemuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoota jumlaan hidhaatti darbataman kanneen jalaas qarshii dabalatee, qabeenya isaan of harkaa qaban hunda saamanii kan deeman ta’uun dabalataan eeramee jira.

Kana malees, ganduma kana irraa Bitootessa 15, 2025 dargaggoo Leellisaa Dajanee jedhamu ammoo osoo inni horii manaa gara qe’eetti galchuuf barbaacha deemaa jiruu badii tokko malee qawwee itti dhukaasanii kan madeessan yoo ta’u, madoon isaa kunis ulfaataa waan ta’eef hospitaala godinichaa gara magaalaa Amboo deemee akka yaalamuuf ajaja dabarsuu hordofee maatiin wayita geessan, achittis yaala gahaa dhabuun yeroo ammaa kana haalli fayyummaa isaa sadarkaa yaaddessaa irra jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading