ONM-ABO Bitootessa 19, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Haroo Folaa jedhamu keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa misooma Koriidarii jedhuun torban darbe irraa eegalanii qabeenya hawaasaa; manneen jireenyaa, daldalaa fi biqiloota gosa hedduu madda galiif oolan kanneen daandii konkolaataa guddicha magaalaa Naqamtee irraa ka’uun gandoota baadiyyaa fi magaalota aanaalee godina Baha Wallaggaa garaa garaa keessa qaxxaamuruun gara naannoo Amaaraa magaalaa Buree geessu qarqara jiran guutummaa isaa beenyaa tokko malee ciranii kaasaa jiraachuu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Daandii konkolaataa irraa gama lamaanitti jechuunis, bitaa fi mirgaatti fageenya meetira kudha tokko tokko muruun qe’ee fi qabeenyaa hawaasaa keessa seenee jalaa diigee mancaasaa kan jiru yoo ta’u, ergamtoonni Bilxiginnaas akka jiraattonni qabeenyaa bakkichaa qaban hunda humnaa fi qarshii isaanii fayyadamanii yeroo gabaabaa gidduutti kaafataniif dirqamsiisuun dararaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Dabalataanis, ijaarsi daandii gurraacha Naqamtee-Buree kun akka eegaluuf dhaabbiin dhagaa bu’uuraas Piresidentii mootummaa naannoo Oromiyaa duraanii Obbo Alamaayyoo Atoomsaatiin waggoota dheeraa dura kaa’amee kan ture yoo ta’u, jalqabbiin ijaarsa daandii kanaas sababa saamichaa fi malaanmaltummaa lukkeeleen sirnichaa itti wal jijjiiranii raawwachaa turaniif jecha lafa irra harkifachaa erga tureen booda, bara kana ji’oota muraasaan dura eegalamuun, wayita ammaa kanas haalli jalqabbii isaa sadarkaa qulqullina gahaa qabu irra kan hin jiree fi hanqina baajetaa mudate sababeeffachuun jiraattota ganda Haroo Folaa fi kanneen biroo hedduun qabeenyaan isaanii beenyaa tokko malee manca’ee jalaa badaa jiraachuun ibsameera.


