• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Haroo Limmuutti loltoonni faashistii PP qonnaan bulaa tokko irratti ajjeechaa suukkanneessaa raawwatan

Mar 22, 2025

ONM-ABO Bitootessa 20, 2025 

Aanaa Haroo Limmuu ganda Sagiroo Guddinaa bakka addaa Kusaa’ee jedhamutti Bitootessa 18, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa Mulgeetaa Nagaash Dhugumaa jedhamu ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee mana jireenyaa isaatii fuudhanii haala suukkanneessaa ta’een rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, Obbo Mulgeetaan abbaa daa’imman 5 fi hojii qonnaa isaa malee siyaasa tokkollee kan hin hordofne ta’uu himuun, loltoonni sirnichaa ammoo maqaa “maallaqa WBO’tu si bira jira” jedhuun marartoo tokko malee ilmaan isaa irraa ajjeesuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Dabalataanis, yeroo ammaa kana uummata gandoota  akka: Uchaa, Dangee, Barisoo, Sugee, Kalalaa, Sankooraa fi kkf lukkeelee sirnichaan miidhaa fi dararaa ulfaataan irra gahaa jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading