• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waayyuu Tuqaatti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhaatti darbachuu hammeessan

Mar 27, 2025

ONM-ABO Bitootessa 26, 2025 

Aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Kiichii jedhamu irraa Bitootessa 23, 2025 ergamtoonni sirnichaa sababa tokko malee shamarran lama kanneen maqaan isaanii:

  1.  Badhaanee Darajjee fi 
  2.  Eebbisee Darajjee jedhaman 

ukkaamsuun mana hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, shamarran kunneen obboleeyyan ilmaan abbaa tokkoo fi siyaasa kam illee kan hin hordofne yoo ta’u, waraanni maafiyaan PP ammoo maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu” jedhuun yakkanii hidhuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Ilmaan Oromoo Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun miidhaa ulfaataa irraan gahuu kan amaleeffate waraanni sirnichaa, yeroo ammaa kanas kutaalee impaayerattii cufa keessaa akka bineensaatti adamsee hidhaatti guuruu jabeessee itti fufee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading