🌳#General_Huseen Bunee
☘️Jeneraal Huseen-Bunee maqaa
Somaalee_Aabboo hin fudhannu jedhee erga didee booddee, Jeneraalli Somaaliyaa kan #Muhaammad Alii Sabattar jedhamu, “Isin yoomii as #OROMOO taatan?” Jedhee Huseen Bunee gaafate. Huseen Bunee gaaffii jeneraaltichaaf deebii kallattiin kennuu dhiiseet akka gaaffii gaafachuu danda’u eyyamsiisun
“Isin Oromoo yoomii as #dhageettan?” gaaffii jettu dhiyeesse.
Jeneraalichi Somaalee sunis,
“… Nuti waayee Oromoo kan dhageenye bara 1962, ALA tti” jedhee deebiseef.
☘️ #Huseen_Bunee kokkolfee, “Kan bara 1962 ALA tti nu dhageettan, nu baruuf sirriitti carraaqqii gootaniiyyu. 🕳Barri 1960 ALA tti bara dhaloota keessanii fi bara bilisummaa itti argattani.
🕳 Barri 1961 ALAtti bara gurra keessan addaan harkiftanii ala caqaftani.
🕳Barri 1962 ALAtti kan nu dhageettan, achi dura waa hin jirtanii bar, osoo jiraattanii nu dhagettan ture. Wanti seenaa saba Oromoo dhagayyuu dadhabdaniif achi dura- isin #rimaaya garaati waan ta’eef hiree nu baruu hin arganne jedheen.
🍀seenaa saba Oromoo baruu yoo feetan Afrikaanota isiniin dura bilisummaa argatan gaafadhaa!
Oromoon gaafa rabbi #dachee fi #ruuda faana walaabu uumee nama uumu uumame. Oromoon saba beekkamaa lafa (biyya mataasaa) qabuudha. Oromoon saba sirna #Gadaatiin bulu, kan bokkuu qabuu dha. Isin reefu dhalattan waan ta’eef Oromoon eenyu akka ta’e dhaga’uu dadhabuun keessan nan dinqu jedhee dubbii Afaanii somaltichaatii bahuu kaate jechaan rukutee arrabasaarratti gaggabse.
🍀#Dhaloonni_Ammaa kun warrasaa quba qabaa laata? Caayaa Qeerroo

