• Wed. Mar 25th, 2026

Lixa Oromiyaa bakkeewwan addaa addaatti waraanni maafiyaan PP maqaa sakkattaa WBO’n bobbaafamuun miidhaa jajjabaa qaqqabsiisaa jiraachuu ONM odeeffate 

Mar 28, 2025

ONM-ABO Bitootessa 27, 2025 

Godinaalee Wallaggaa afran Horroo Guduruu Wallaggaa, Baha Wallaggaa, Lixa Wallaggaa fi Qellem Wallaggaatti waraanni akka feeteen Bilxiginnaa sochii maqaa sakattaa WBO’n taasisuun manneen jiraattotaa irra deemuun maallaqa callaa, midhaan, bilbiloota harkaa fi kanneen biroo saamuun cinatti dargaggoota ukkaamsuun mana hidhaatti darbuu fi gariin ammoo ajjeesanii gataa jiru.

Maqaa nyaata milishaa, tumsa waraana raayyaa ittisa impaayerattii, ijaarsa waajjiroota gandaa, gamoo paartii badhaadhinaa fi kaffaltii adda addaan saamichi qinda’aan raawwachaa yeroo jirutti namoonni qarshii of harkaa hin qabnee fi wanta gaafataman kaffaluu dadhaban jumlaan hidhamuu fi doorsisni irratti raawwachaa jiraachuunis dabalataan ibsameera.

Jiraattonni mirga yaada isaanii walabaan ibsachuu sarbamuun waraanni teessuma koloneel Abiy Ahimed jalatti tiksuuf ifaajan rakkoolee siyaasaa waliin wal hin qabanne gara siyaasaatti naanneessuun bahaa fi gala namoota dhorkaa kan jiran oggaa ta’u, haalli sarbama mirgoota namoomaa bifa haarawaan raawwachaa jirus jiraattota abdii kutachiisaa jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading