• Fri. Mar 13th, 2026

Godinaalee Oromiyaa bakkeewwan addaa addaatti loltoonni Koloneel Abiy Ahimed jiraattota dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufan

Mar 29, 2025

ONM-ABO Bitootessa 28, 2025 

Aanaa Begii bulchiinsa magaalaa Begii keessaa Bitootessa 26, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Malkaamuu Shifarraa,
  2. Tolaa Xilaahuun,
  3. Ramadaan Haajii,
  4. Hamzaa Siraaj,
  5. Alamuu,
  6. Seefuu,
  7. Qaasim,
  8. Shama’uun,
  9. Zubeer kanneen jedhamanii fi 

walumaa galatti guyyaa kana qofa magaalicha keessaa namoota 80 ol maqaa waraanummaa leenjitanii daangaa impaayerattii eegdu jedhuun ergamtoonni sirnichaa qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa ukkaamsuun waajjira poolisii aanaa Begii keessatti walitti qabanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen kutaalee Oromiyaa keessaa maqaa mootummaa Oromoo tiksituun  ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun ukkaamsanii gara adda waraanaatti geessanii lola isaan hin ilaallanne irratti hirmaachisanii ficcisiisaa kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaa kanas jiraattonni hedduun sababuma kanaaf qe’ee fi qabeenyaa dhiisanii godaanaa, kaan ammoo bosonatti baqatanii sochii diinaa hordofachuun jiraachaa kan jiran ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.

Bilxiginnaan bututtuu impaayera Itiyoophiyaa keessaa fi alaan lolli kallattii fi alkallattii itti hammaatee jiguuf raafamaa jirtu utubuuf jecha akkuma abboota isaa darbanii lammiilee nagaa dirqamaan gara dirree waraanaatti guuraa kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaa kanas goleewwan Oromiyaa cufa keessatti ergamtoota isaa humnaa ol bobbaasuun “miseensa maatii keessaa namni tokko dirqama waraana ta’uu qaba; yoo nama ta’u hin qabdan ta’e ammoo maallaqa isaa nuuf kennitanii nama ittiin bitannee leenjifanna” jechuun Uummata Oromoo dararaa jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading