ONM-ABO Bitootessa 29, 2025
Bitootessa 26, 2025 aanaa Leeqaa Dullachaa ganda Qorkee keessatti hawaasa nagaa kanneen maqaan isaanii:
- Obbo Mohaammad Adam fi
- Obbo Bayyan Mohaammad
jedhaman jalaa maqaa WBO nyaachiftu jedhuun mana jireenyaa isaanii qabeenya guutuu waliin Ibidda itti shiduun gubanii barbadeessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.
Namoonni qe’ee fi qabeenyi isaanii jalaa barbadaa’e kunneen badii seeraa tokkollee dalaganiif osoo hin taane Oromummaa isaanii qofaan yakkamanii qe’ee fi qabeenyi isaanii waraana Bilxiginnaan jalaa kan barbadaa’e yoo ta’u, waqtiin kun gannatti deemaa waan jiruuf bakka jiraatan dhabanii magaalaatti baqachuun jireenya gadadoo balbala namaa buluu fi beelaan miidhamaa jiraachuun ibsameera.
Lukkeeleen Bilxiginnaa, golee Oromiyaa mara keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachiftu jedhuu fi ilmaan keessantu bosona jira jedhuun uummata nagaa hidhuu, ajjeesuu, saamuu fi dararuu akkasumas qe’ee fi qabeenya hawaasaa ibiddaan mancaasuu hojii idilee taasifatanii jiraachuun kan beekamuudha.

