• Bulchiinsi Abiy Ebli 2,2025 waggaa 7ffaa guutu kun isaaf beekamtii aangoo, namootni jajuunii, konkolaataa jijjiiruu, xiyyaara fayyadamuu, jireenya fayya’aa jiraachuu fi kkf daran argamsiisuufis Oromiyaa keessatti garuu ilmaan ishee akka meeshaa abiddatti darbataniitti gubachaa jiru. Sabaa fi sablammootni dabareedhumaan miidhaa gurguddaan irra ga’aa jira.
- Ilmaan Oromoo yeroo itti jireenyi isaanii rakkoo nageenyaa jechuun, lola PPn lammiilee isaa irratti maqaa olaantummaan banee jiruun goolamee gabaan qaala’uun akkaataan jireenyaa harkaa wal dha’ee jiru kanatti dinagdeen impaayerattii bara kana guddinni ishee dhibbentaa 8.4 ga’a jechuun Abiy Ahimed paarlamaa idilee 21ffaa irratti dubbata. Haa ta’u malee lakkoofsi kun dhaabbilee idil addunyaan %6.5tti tilmaama.
- Dhimma garaagartummaa lakkoofsaa Abiy yeroo hundaa paarlaamaa fi bakka daawwannaaf deemu irratti dubbatu yeroo wal rukutuu fi lakkoofsa inni haasa’u kan dhugaa lafa jiru faallessu akkasumas dhugaa irraa kan fagaate ta’uun ni beekama.
- Dhimma qamadii yoo fudhanne kan barruun The Economist oomishni qamadii impaayerattii biiroo qonnaa Ameerikaan hojjetame bara oomishaa 2023/24tti toonii miliyoona 7.5 jedhu Abiy Ahimed toonii miliyoona 23 jechuun ibsata. Bara kanas waltajjii Afrikaa ofii isaa thank you jedhu irrattii fi paarlamaa isaa irratti impaayerri Itoophiaa oomsiha qamadiin Afrikaa irraa 1ffaadha jechuun dubbatee ture.
- Haa ta’u malee ragaa FAO irraa argame akka agarsiisutti qamadii oomishuun Afrikaa keessaa biyyi dursitu Masirii ta’uu, kunis waggaatti toonii 9,700,000 akka ta’e ni beekama. Abiy Ahimed garuu oomishuma qamadii uummatni impaayerattii dhalatee wajjin guddate akka haaraatti sadarkaa akkanaa irra jirra jechuun miidiyaa argatu cufaan lallabuu erga eegalee biyyoota Afrikaa caaluu mitii akka haasaa isaatti biyyoota lixaa oomisha qamadiin beekaman iyyuu dursuu danda’a ture. Garuu impaayera nagaan keessa hin jirree fi dhukaasni irraa hin callisne keessatti dhuguma qamadii hawaasni nyaatee irraa hafee gabaa baasaa jiraa, gabaa irra darbee al ergii ykn export gochaa jiraa yoo jenne! hanga ammaatti kan impaayerattii keessatti dhaabbilee idil addunyaa bilxiginnaan qamadii yoo ana irraa bittan malee Tigraayiif gargaarsa dhiyeessuu hin dandeessan jedhe sana malee waanti maqaa qamadii al ergiin galmaa’e maxxansa The Economist yeroo dhiyoo baase irrattis hin kaane.
- Sobni fi of guguddisuun Abiyyiin dabalatee aanga’oota Abiy Prosperity Gospel’n cuuphamee fi mul’ata himatu biratti baratamaa yoo ta’u, Jeneraal Biraanuu Juulaa yeroo tokko nuti seenaa bara dheeraa qabna, dursaa addunyaa kanaa ta’uutu nu irra ture jechuun yeroo dubbatu dhaga’amaa ture.
- Egaan mana Bilxiginnaatti waggoottan 7 kana bokkaa roobsinee, boba’aa arganne baga gammaddanii, qoricha koronaa arganne, GDP keenyatu guddate, ulaa galanaa argannee fi kkfn gurra uummatatti duuchaa oolu. Maaliif sobduu, meerre inni isin dubbattanii jechuun gaafatee adda baasuun dhugaa yoo ta’e uummatni akka argu yoo soba ta’e ammoo qaamni uummata goyomsu akka itti gaafatamu adeemsi taasisu hin jiru. Uummatni Bilxiginnaa biratti qaama waan barbaadan ittiin jedhan, meeshaa waraanaa bara bara dargiii hojiitti seene akka ofii eegalaniitti, jal’isii naannoo Soomaalee Godeetti argamu kan bara EPRDF xumurame akka haaraatti rivaayinii kutanii nutu hojjete jedhanii ittiin goyomsan akka ta’etti fudhatu.
- Uummata Impaayerattii yaadannoo yeroo gabaaba (short memory) dha ittiin jedheen waan deebisanii na gaafatu jedhee hin fudhatu. Osoo gaafatanis Abiy nama isaan mormu ykn waan inni jedhe hin fudhadhu jedhu sin ajjeesa jedhe doorsisuun biratti deebiin jiru du’a, xiqqaan hidhaa ta’uun beekamaadha.
- Mootiin Itiyoophaanistootaa Abiy Ahimed daa’imummaa kiyyatti guyyaatti Muummucha Ministeeraa taata jedhamee natti himamaan guddadhe jedhu, sanu yeroo inni ijoollummaa impaayerattiin bara Mangistuu Haayile Maariyaam Pirezidaantiin bulan sanatti ta’uun dubbiin seenessa Abiy sobaan waa’ee isaa namoota keessa kaa’uun namuu akka isa waaqeffatu akkasumas sodaatu gochuu malee isa dura dhaabbatu hin eeyyamu.
- Namni dhugaa uummata giddu galeeffatee hin hojjenne, uummata impaayerattii bulchuu irraa goondaa miliyoona tokko baatanii deemuu wayya jedhu, silas rakkoo uummata akkaataa uummatni rakkatetti deebisuuf qophaa’aa osoo hin taane akka isaaf ta’utti deebisee warra nuuf hin ta’u jedhe ammoo na rakkistan, yeroo biyyootni alaa jijjiirama ani fide ajaayibsifatanii fi galateeffatan isin ana jejuu diddan jechuun lammiilee isaa miidhuun aadaadhuma abbootii irreeti.
- Abbootiin irree hojii waraanaa fi ololaan beekamu. Hojii aangoo isaanii dheeressuuf hojjettan kanaaf maqaa baasuu, dinagdee uumuu fi sochoosuu irratti hojjechuun uummatni hojii isaanii dabaa fi kijibaa akka amanee fudhatu, isaan waliin itti hirmaatu ykn walii wallaale dhiise ta’u gochuun naannoo isaanii tolfatanii jiraatu. Jarri warra rakkoon uumamee osoo hin ataane rakkoo uumanii lola geggeessan, marfama tolchanii fi labsii baasaniidha.
- Akka fakkeenyaatti Oromoyaa keessatti itti gaafatamaan Bilxiginnaa Fiqaaduu Tasammaa bara 2021 “Qurxummii Qabuuf Galaana Gogsuu” jechuun dubbiin inni dubbate Waraana Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf uummata Oromoo fixuu kan jedhu kaasuun duguggaa sanyii uummata Oromoo irratti jabeessan.
- Yeroo lola Tigraayi irratti waggaa 2f Bilxiginnaan geggeessaa ture gorsaan Abiy Daani’el Kibirat TPLFn sammuu dhalootaa keessaa baasuuf ijaarsa inni bara bulchiinsa isaa hojjete maqaa jijjiiruu yoo maqaa isaa dha’an iyyuu akka seexanaatti waaqa itti waamu yoo jedhu, uummata Itoophiyaa irraa miliyoonni tokko yoo dhumee kaan nagaan ta’e rakkoo hin qabu jechuun labsii duguuggaa sanyii warra masaraa kiiloo afurii irraa baasanii geggeessaa turan.
- Qe’een Oromoo bilisoomeera, gaaffiin Oromoo deebii argatee jira jedhamuun Abiy Ahimed bulchiinsa magaalaa Naqamteetti argamee akka waan Oromoof quuqametti dubbii Oromoo saboota biroo waliin walitti buusuu dubbatee fi Leencoo Baatii bara soroma isaatti miindaa mootummaa nyaatee afaan sabboonummaa, Oromummaa fi walabummaa labsaa tureen: har’a ammoo Oromoon bulchiinsa Abiy mormuuf sababa maalii qaba? “tell me a single reason” jedhutti aartist Haacaaluu Hundeessaa du’ee haqni isaa dhokatee hafe, Jaal Battee Urgeessaa magaalaa maqii keessatti bakka ciisichaa baasanii harka duubatti hidhuun ajjeesanii gaatamuun bilisummaa hin agarsiisu yoo cunqursaa ta’e malee. Namootni hedduun waan dhalootni bulchiinsa Abiy mormuuf osoo beekanii garaa isaanii guuttachuuf dhugaa uummataa dura kanneen dhaabbatantu jira.
- Har’a qe’ee Oromoo keessatti hidhanii dararuu, mana hidhaa baasanii ajjeesuu fi achi buutee dhabamsiisuun hojii baratamaa qe’ee Oromoo mara keessatti mul’achaa jiruudha.
- Murni abbaa irree rakkoo impaayerattiii keessatti jibbiinsa siyaasa isaa irraa sabootni qaban gara dabarsuuf Weeraramuu, lolaaf of qopheessaa, ulaa galaanaa argachuu dirqamaa, gocha saba tuqu miidiyaan dabarse jechuun akka sabaa yaadetti ajandaa uummatichaaf uumu, osoo uummatni miidiyaa irraa wal falmuu lafa irratti ammoo loltootni PP humna lafoo namoota nagaa ajjeesuu, saamuu, hidhuu, qabeenya gubanii barbadeessuu fi qe’ee irraa godaansisuu raawwachaa jiru. Yeroo amma lolli madda galii ta’ee waan jiruuf loltootni faashistii PP maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartaniin loon isaanii osoo hin hafne ooffatanii galuu fi achitti qalatanii nyaachuun hiyyummaa keessaa uummatni akka hin baane gochaa jiru.
- Impaayera ganamaa fi galgala badhaadhina, guddinaa fi jijjiirama nutti himtu keessatti uummatni miliyoona 20 ol gargaarsa eeggata. Akka Dhaabbatni Godaantota Addunyaa ragaa bara darbe baatii Caamsaa 2024 baase agarsiisutti buqqatiin impaayerattii keessaa IDPn miliyoona 3.3 yoo ta’u, lakkoofsa kana bulchiinsi Abiy hin amanu. Godaansa biyyoota alaatti godhamuun ammoo Chaadii fi Madagaskaritti aantee sadarkaa 6ffaa irratti akka argamtu ragaaleen ni ibsu.
- Bulchiinsi Abiy saamicha maqaa raayyaa ittisaa impaayerattii yeroo lola Tigraay humnaan uummata irraa guuraa ture babal’isuun gibiraa fi mata dureewwan adda addaan jabeessee itti fufee jira. Kun ammoo uummata gargaarsa miti mootummaa irraa argataniin sanyii fi horii bitanii jireenya isaanii akka fooyyeffataniif tumsamaa jiran irraa buusaa gonofaa, inshuraansii fayyaa, uffata milishaa jechuun deebisanii irraa kan fuudhan yoo ta’u, namootni kun dhaabbilee kanatti gargaaramuufis matta’aa akka kaffalan taasifamaa jira.
- Yeroo gareen Bilxiginnaa kutaa waraanaan Finfinnee keessatti tikfamuu fi lolli naannolee akka Oromiyaa fi Amaaraa keessatti itti fufee jiru keessa ta’ee waa’ee nagaa dubbachuun uummata impaayerattii lolaan waadamaa jiruuf yaadanii osoo hin taane dargaggoota impaayerattii fixanii aangoo jabeeffachuuf yaadaniiti.
- Tirgaa siyaasaa AbiyAhimed jala deemtota isaa qabatee lammiilee nagaa fixaa jiru kana irratti uummatni dammaquu qaba. Dhalootni barnoota dhaabee, manni barnootaa mooraa mana waraanaa ta’ee biyyi ijaaramtu hin jirtu.
- Ragaa biiroon Pr. Biraanuu Naggaa sababa rakkoo nageenyaaf barattootni miliyoona 7.2 barnoota hin seenne jedhuus ragaan gabaasa kana dura ba’e akka agarsiisuttu bara 2025tti waldhabdee, jeequmsi, fi balaa uumamaan Itiyoophiyaa keessatti daa’imman miliyoona 9 barnoota dhabuu fi manneen barmnoota 6000 ol cufamuu ibsee jira.
- Walumaagalatti rakkoo bulchiinsa Abiy Ahimed jala jiru bal’aadha. Abiy Ahimed warra isaaf harka rukutan kan Dr. Baqqalee Mollaafaa hiriirsee waajjirri isaa maallaqa biliyoona walakkaa ol akka fixu taasisee jira. Nagaa, tasgabbii, guddinni uummatichi eege dhabamee, du’a, hidhaa, saamicha, godaansa, doorsisaa fi dararaan bakka fudhate. Murna sirna isaa adeemsa badii, faallaa diimiikiraasii ta’e kana ammoo uummatni ofirratti yoo ilaale rakkoo kana caalutu boris itti dhufa. Kanaafuu sirna cunqursaa dhiiga uummata keenya gama hundaan dhugaa jiru kana tokkummaan kaanee qabsoo hidhannoo WBOn geggeessaa jiru cinaa dhaabbachuu fi diddaa finiinsuun of irraa darbuu qabnaan dhaamsa keenya maayiiti.
Guyyaan Abiy Ahimed aangootti dhufe guyyaa cunqursaan uummata jabaateedha❗
Injifannoon Uummata Oromoo!





















































