• Thu. Mar 19th, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Hurrumuutti murni Bilxiginnaa uummata Tigraay yeroo lolaa lafa isaanii irraa ari’ee lafa isaanii jala deemtota isaaf hire, yeroo ammoo lammiilee Tigraay deebisuun uummata sana waliin walitti buusaa  jiraachuu ONM jiraattota irraa odeeffate

Apr 12, 2025

ONM-ABO Ebla 11, 2025 

Gidiraa fi hammina raawwachuu malee nagaa hawaasaaf buusuuf fedhii kan hin qabne gareen maafiyaan PP guutuu Oromiyaa keessatti rakkoolee daangaa fi keessoo uumuun gaaga’ama lubbuu fi qabeenyaa raawwachaa kan jiru yeroo ammaa kana bifa haarawaan godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurrumuutti uummata Oromoo fi Tigiree walitti buusuuf dhiibbaa taasisaa akka jiran beekameera.

Bifuma kanaanis aanaa Hurrumuu ganda Antoo jedhamutti lafa uummanni Tigraay yeroo lola Tigraay irra turan, yeroo sana Bilxiginnaan maqaa Juuntaa jedhuun irraa buqqisuun jala deemtota isaaf laachuun bu’aa siyaasaa irraa sharafachaa ture, yeroo ammaa lammiilee Tigraay bakkichatti deebisuun namoota lafa sana irratti hojjechaa turan waliin walitti buusaa jira.

Walitti bu’iinsi PP biratti akka qoricha umurii taayitaa dheeressuutti kan ilaalamu yoo ta’u, lafa namootni kun biqiloota akka muuzii, bunaa fi midhaan gosa garaa garaa irratti oomishan waliin irraa fuudhee hiraa jiraachuun wal qabatee mufiin hammaachuun haalli yeroo ammaa onicha keessatti mul’achaa jirus gara hokkoraatti deemaa akka jiru jiraattonni ONM dubbise himaniiru.

Lafa qonnaan bultoota kanaas hiruun kan eegale Bitootessa 24, 2025 irraa kaasee ta’uunis barame yoo ta’u, adda durummaan gocha kana ilmaan Oromoo irratti raawwachaa kan jiru sabaan Amaaraa kan ta’e nama maqaan isaa Wadaaj Agaajuu jedhamu akka ta’es ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading