ONM-ABO Ebla 15, 2025
Godina Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Heellaa Akkiyyaa araddaa Lixxuutti Ebla 11, 2025 nama maqaan isaa Jannaa Sheek Aadam jedhamu balleessaa tokko malee gara jabeeyyiin waraana PP ajjeesanii gatuu jiraattonni naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Oduu hidhaatiin ammoo godinichuma aanaa Diigaluu fi Xiyyoo keessatti namoonni nagaan badii malee ukkaamfamanii maatii isaanii waliin jumlaan hidhamanii hiraarfama ulfaataa keessa jiraachuu jiraattonni itti dabaluun ifoomsaniiru.
Namoonni kunneenis maqaan isaanii:
- Obbo Gammachuu Baattee Guutoo,
- Saanuu Baattee Guutoo,
- Jamuu Roobaa,
- Hiisaa Gammachuu,
- Xaayiroo Gammachuu,
- Aaliyaa Bashir,
- Haloo Haajii,
- Sheek Usmaan Gammachuu,
- Abdulaxiif Usmaan fi
kanneen biroo qabanii hidhaan dararaa jiraachuun ifoomeera.
Kana malees hidhamtoota kanneen keessatti haati deessee torbee lama hin guunnee fi maanguddoon ganna 90 kan keessatti argaman yoo ta’u, walumaa galatti hanga ammaatti namoonni 24 balleessaa tokko malee hidhamanii dararamaa jiraachuun addeeffameera.



