• Sun. Mar 15th, 2026

Magaalaa Finfinnee keessaa barsiisaan tokko loltoota Bilxiginnaan ukkaamfamee hidhame

Apr 17, 2025

ONM-ABO Ebla 15, 2025 

Bulchiinsa magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa magaalaa Meksiikoo jedhamutti lukkeeleen Bilxiginnaa barsiisaa maqaan isaa Magarsaa Baqqalaa jedhamu Ebla 13, 2025 ukkaamsuun hidhaatti darbachuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Barsiisaan kun hirmaannaa siyaasaa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne, sababa Oromummaa isaa qofaaf kan hidhamee fi irra deddeebiin hidhamaa kan ture yoo ta’u, badii tokko malee yeroo ammaa kana mana hidhaa Meksiikootti hidhamee dararamaa jiraachuun ibsamee jira.

Magaalicha keessatti barsiisonni Oromoo ta’an adamfamuun badii tokko malee hanga ajjeefamuutti dararamaa kan jiran ta’uun dabalataan ifoomee jira.

Handhuura Oromiyaa magaalaa Finfinnee keessatti ilmaan Oromoo ijaan arguu kan jibbanii fi diinummaa qaban ifatti agarsiisuun loltoonni impaayerattii barsiisota dhaloota abdii fi egeree Oromiyaa ta’an oomishan adamsanii ukkaamsuun dararaa ulfaataa irraan gahaa jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading