ONM-ABO Ebla 18, 2025
Ergamtootni Bilxiginnaa godina Arsii Lixaa aanaa Shanan Kooluu ganda Qorii jedhamu keessatti dargaggoota lama kanneen maqaan isaanii:
- Yuusufee Huseen Ahimadii fi
- Jamaal Xaahiroo jedhaman ajjeesuun dhaga’ame.
Namoota kanneen sababa tokko malee akka bineensaatti ari’uun rasaasaan erga madeessanii booda dargaggoonni kun baqatanii harkaa bahuuf utuu yaalanii bakka isaan itti miliqanitti hordofuun ajjeechaa gara jabinaa irratti raawwachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Murni sirna dhab-leessi ilmoo ajjeesee abbaa reeffa baachisuu bare Bilxiginnaan, akkuma aadeffannaa isaa gocha hammeenyaa fi faashistummaa isaa kana ittuma fufuun sabboontota ilmaan Oromoo irratti ajjeechaa suukkanneessaa raawwachuu caalaa ajjeesee awwaalcha dhorkuun godaannisa seenaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jira.
Kana malees saamtonni murna PP kunneen Ebla 16, 2025 ganduma kana keessaa badii tokko malee horii uummataa baay’inaan 10 ta’an mana jiraattotaa fuulduraa funyoo irraa hiikanii ooffachuun gara mooraa isaaniitti geessuun qalatanii kan nyaatan yoo ta’u, yeroo darbes jiraattota gandichaa kanneen jalaa loon karra tokko saamanii akka turan isiniif gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.

