• Thu. Mar 19th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Suudee keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa irraa maallaqa guuranii nama ittiin bituun gara leenjii waraanaatti ergaa jiraachuun dhaga’ame 

Apr 29, 2025

ONM-ABO Ebla 28, 2025 

Aanaa Suudee gandoota akka; Ashmiiraa Wargaanbullaa, Lacee Darrabbaa fi magaalaa Darrabbaa ganda 01 keessatti lukkeeleen sirnichaa oggaa nama fedhiidhaan isaan gargaaree balfamaa sirna Bilxiginnaa suphu dhaban, hawaasa harka qalleeyyii irraa qarshii 2,000-3,000 dirqamaan guuranii nama tokkoof qarshii 30,000 kaffaluun gara leenjii raayyaa ittisa impaayiraattiitti geessaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni qarshii gaafataman kana waan kaffalan hin qabnes hidhaatti guuramanii dararamaa jiraachuu dubbatu.

Wayita gara aangootti dhufee kaasee yeroo hundumaa ajandaa waraanaa kalaquu malee sammuun isaa guyyaa tokkoof waa’ee misoomaa fi nageenya lammiilee homaa tokkollee yaadee kan hin beekne Koloneel Abiy Ahimed, yeroo ammaa kana wal waraansa keessaa fi alaan impaayerattii mudachaa jiruun egeree teessuma isaaf sodaa guddaa keessa seenuun goleewwan Oromiyaa cufa keessaa ilmaan hiyyeessaa maallaquma maatii isaanii irraa saamaa jiru faayidaa waanuma xiqqoo dura qabee gowwomsuun gara leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading