• Mon. Oct 26th, 2026

Oromiyaatti Dargaggoota Humnaan Dirqisiisanii Waraanatti Erguun Bifa Haaraan Deebi’uu Ilaalchisee (Ibsa ABO-WBO)

Apr 29, 2025

Waggoota torban darban keessatti, sirni PP dargaggootaa fi shamarran kumoota dhibbaan lakkaa’aman leenjisee lolatti kan bobbaase ta’us, hireen lammiilee kanaa hibboo hin furamne waan maatiin dagachuu hin dandeenye ta’ee ukkaamame hafeera. Ijoolleen isaanii lubbuun jiraachuu fi du’uu isaanii adda baasan mirkaneeffachuu dadhabanii, maatiin ijoollee callisa hammaataa keessatti argamu. Mul’anni lammiilee biyyattii dhaloota tokko tahuu, Abiy Ahmad gaafatamummaan itti hin dhagamne harkatti kufee badeera. 

Fedhiidhaan loltummaaf galmaa’uun guutummaa guutuutti fudhatama dhabuu isaatiin, Abiy Ahmad duula haaraa humnaan dargaggoota dirqisiisee waraanaatti guuruutti seenee jira. Gochi abdii kutannaa lubbuu dargaggootaa, keessattuu daa’imman ibidatti naquudhaan ofbaraaruuf taasisuu kun, dadhabina sirnichaa fi kufaatii sirnichi Oromiyaa fi bakkoota biroo keessatti mudachaa jiru saaxila. Ji’oota darban keessa sirnichi bakka didametti tarkaanfii humnaatiin dirqisiisanii lolatti guuruu dabalatee, gandi tokko yoo xiqqaate namoota 30 akka dhiyeessu gaafachuudhaan ganda hunda irratti kootaa qacarrii loltummaa dirqamaa fi gara jabinaa

kaa’eera. Tarkaanfiin humnaa kun gara gaditti yeroo bu’ummoo gara saamicha guyyaasaafaatti jijjiiramee, qonnaan bultoonni sirnichumaan hiyyoomfaman mata-mataatti qarshii 5,000 hanga 10,000tti akka baasan dirqamanii maqaa “humnoota sirnichaa hidhachiisuu” jechuun saamamaa jiru. 

Sirnichi amma gara jabeenyummaa addaa ka naasuu namummaa hin qabne keessa seenuu isaatirraa kan ka’e, daa’imman umuriin isaanii waggaa 12 fi 13 ta’anillee butee waraanatti erguutti jira. Ijoolleen dhiiraa fi shamarran kunneen daree barnootaa, bakkoota gabaa, fi daandiiwwan qe’ee isaanii keessa jirurraa humnaan butamanii bakka yeroodhaaf itti ugguramanii tursiifaman, buufatalee poolisii fi kuusaalee midhaanii faa keessatti hidhamu.

Gochi daa’imman adamsanii butuun waraanatti erguuf raawwatamu kun bifa qindaa’een humnoota sirnichaa duula jumlaa gaggeessanii fi giddu-deemtota (dallaalaa) saamichaa kan sirnichi nama akka dhiyeessanii dirqama irra kaa’een hojiirra oolfamu, yakka nama butuu gaafatamummaa tokkoon maleetti raawwatamu dha. Yaaliin daa’imman kun bakkoota tokko tokkotti miliquuf taasisan gara jabummaadhaan kan ukkaamfame yoo ta’u, loltoonni daa’imman hidhannoo hin qabne kanneen warra isaan bute jalaa baqatan irratti dhukaasa bananiiru.

Sirni kun dhiheenya kana maloota saamicha ummanni hin dandeenye kan sadarkaalee hedduu qabanii fi saamtota ofittoo tahan bobbaasuun miidhaa dhaqqabsisuu hojii guyyuu taasifateera:

  1. Kanneen danda’an ijoollee isaanii butaman deebifachuuf kaffaltii furii garmalee ol’aanaa hanga qarshii kuma dhibba (namoota biyyatti baay’eef galii waggaa 2tti dhiyaatu) kaffaluun dirqama.
  2. Warri kaffaluu hin dandeenye gabaa daldaltootuma sirnichaa kan kootaa irra kaa’ameetti goruun, daa’imman hiyyeeyyii ta’an akka “bakka buufamaniif” taasisuudhaan, dhala namaa gatii dhabsiisanii akka meeshaatti wal jala jijjiiranii ilmaan hiyyeessaa kootaa sirnichaa guutuuf dabarsanii kennu.
  3. Maatiin ijoollee sirnichaaf kennamuu danda’an hin qabne ykn hin horanellee kan irra hin dabramneef yoo tahu, kaffaltiin dirqii qarshii 30,000-50,000 (kuma soddomaa hamma kuma shantamaa) isaan eeggata. 

Bifa kanaan ummanni keenya salphina argee hin beekne keessa akka jiraatu taasifamee jira. Kun yakka hamaa shororkeessummaa mootummaa fi gocha Appaartaayidii Afrikaa Kibbaa walliin walitti dhiyaatu kan sini Abiy Ahmed ittiin ibsamu dha. Kana malees bifa gara jabina hamaa ta’een, gochi hammeenyummaa olaanaadhaan nama adamsanii waraanatti erguu kun adda durummaan, Oromiyaa irraa yoo tahu, sirnichi bu’ura hawaasaan keessaa qaba jechuudhaan, burjaajii uumee ummatuma Oromootti dhimma bahee ummata

saamuuf akkasumas Oromoo fi Amaaraa gidduutti diinummaa uumuufis gocha amma itti jiru kana akka tarsimoo aangoo bulfannaatti hojiirra oolfataa jira.

Abiy Ahmad, xawalwaalummaa/raafama walirraa hin cinneen kan beekkamu tahullee, tarkaanfiiwwan tokkummaa Oromoo caccabsuuf kaayyeffatanii fudhachuu fi waldhabdee dalgaa kakaasu irraa garuu takkaa raafamee hin beeku. Ilmaan Oromoo walitti garagalchee lola isaa dhuma hin qabne keessatti qeerroo keenya akka irbaata qawweetti wareeguudhaan diddaa sabaa laaffisuu fi bulchiinsa isaa kufaa jiru ittiin dheereffachuuf abjoota.

Dargaggoota Oromoo mana keessanittis ta’e mooraa sirnichaa keessatti ugguramtanii jirtaniif: Yeroon itti hiree keessan harkatti deebifattan ga’eera. Ogummaa sirnichi sitti dhimma bahuuf

dirqiidhan sirratti fe’etti fayyadamuudhaan qawwee kee gara diina kee isa dhugaatti garagalchi. WBO’tti makamii, ummata kee waliin dhaabbadhuu, sirna nama-nyaataa kana akka hin deebinetti yeroo dhumaaf ofirraa buqqisi. 

Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO

Ebla 28, 2025

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading