• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Jajuutti dargaggoonni jumlaan hidhamaa jiraachuun dhaga’ame 

Apr 30, 2025

ONM-ABO Ebla 30, 2025 

Murni faashistii PP kutaalee Oromiyaa cufatti dargaggoota bifa haarawaan torban kana ukkaamsee gariin hidhuun kaan ammoo adda waraanaatti ergaa kan jiru oggaa ta’u, Ebla 28, 2025 aanaa Jajuu ganda Wurutaa Dooreetii namoota hedduu ukkaamsanii hidhaatti darbachuun ibsameera.

Dargaggoota hidhamanii hiraarfamaa jiran keessaa kanneen maqaan nu qaqqabe:

  1. Nuuradiin Haajii Weeboo,
  2. Musxafaa Haajii Weeboo Mohaammad,
  3. Gadaa jamaal,
  4. Gannaa Kabboo,
  5. Xaahir Bashir,
  6. Amaan Haajii,
  7. Siraaj Sulxii,
  8. Abdiisaa Tamaam,
  9. Gammada Gammachuu,
  10. Abarraa Alamuu fi
  11. Gadaa Roobaa 

kanneen jedhaman dabalatee namoota hedduu qabanii hidhaatti darbachuun ibsameera.

Kana malees waraanni maafiyaan PP aduu-dhihee bari’uun qe’ee hawaasaatti bobbaafamanii saamicha, haawwan gudeeduu, manneen gubuu fi sarbamiinsa mirgoota namoomaa adda addaa raawwachaa akka jiranis jiraattoonni itti dabaluun himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading