• Fri. Jan 9th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Boojjii Coqorsaatti hidhattoonni PP hawaasa nagaa irratti saamicha hammeessan

May 7, 2025

ONM-ABO Caamsaa 7, 2025 

Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Coqorsaa ganda Tulluu Gurraachaa jedhamu keessatti waraanni koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman Caamsaa 3, 2025 hawaasa nagaan hojjetatee qe’ee isaa keessa jiraatu irratti saamicha daanga-maleessa raawwachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoota qabeenyi jalaa saamame keessaa kanneen maqaan isaanii nu qaqqabe:

  1. Obbo Saamu’eel Asaffaa jalaa hoolota korbeeyyii 6,
  2. Obbo Gaarii Teessoo jalaa sa’a dhaltii 3 fi sangaa 1 kan ooffatan yoo ta’u, 

walumaa galatti sa’a aannanii 4 fi hoolota 6 saamtonni waraana Abiy Ahimed qonnaan bultoota kanneen jalaa saamanii jiraachuu addeessanii jiru.

Namoonni saamichi irratti raawwatame kunneen balleessaa tokkollee kan hin qabnee fi hariiroo qaama siyaasaa kamiyyuu irraa walaba ta’uu himuun shiftoonni Abiy irraa ergama ilmaan Oromoo dararuu fudhatanii bobba’an ammoo maqaa dharaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu shakkii jedhu itti maxxansuun saamicha raawwataniin qe’ee qonnaan bultoota kanneenii golgoleessanii jiraachuu dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading