• Mon. Mar 23rd, 2026

Sa’uudii Arabiyaan karoora Israa’el haleellaa Gaazaa babal’isuuf baafatte balaaleffatte 

May 8, 2025

ONM-ABO Caamsaa 8, 2025 

Sa’uudii Arabiyaan Roobii kaleessaa karoora Israa’el haleellaa Gaazaa keessatti babal’isuuf qabdu “mormuu” ishee ibsuun, seera idil-addunyaa cabsuun akka dhaabbatu gaafatteetti.

“Saawudii Arabiyaan waa’ee weerara Gaazaa fi naannoo Falasxiin to’achuu ilaalchisee aanga’oonni Israa’el labsan ifatti kan mormitu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa biyyatti himuun, Israa’el “seera idil-addunyaa itti fufiinsaan cabsuu” ishee irratti balaaleffannaa dhageessisaniiru.

Gama biraatiin pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp guyyuma kaleessaa yaadni haaraan booji’amtootni gadhiifamuu fi dhukaasa dhaabuu Gaazaa keessatti ka’uu danda’u ilaalchisee guyyaa itti aanutti odeeffannoon dabalataa ni jiraata jedhan.

“Yeroo ammaa kana waa’ee Gaazaatti irratti haasa’uun baay’een geggeeffamaa,” jira jedhan Tiraamp Waayit Haawusitti. “Sa’aatii 24 itti aanan keessatti waa’ee isaa ni bartu” jedhanii dubbachuu isaanii Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading