• Fri. Mar 13th, 2026

Kaaba Oromiyaa Godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti sarbamiinsi mirgoota namoomaa hammaachuun ifoome 

May 13, 2025

ONM-ABO Caamsaa 13, 2025 

Caamsaa 10, 2025 aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Cirrattii (Jumaateetti) lukkeeleen Bilxiginnaa sadarkaa olii hanga gadiitti jiran sagale-guddistuu qabachuun qe’ee hawaasaa keessa naanna’anii jiraattota walga’ii dirqiin kan baasan yoo ta’u, walga’ii isaanii kanaanis maqaa mana barumsaa magaalaa Cirrattii (Jumaatee) jigaa jiru amma fooyyessinee bifa nama hawwatuu fi akkasumas yeroo dheeraa jiraachuu danda’uun ijaarra ittiin jechuun jiraattota irratti saamicha geggeessuuf akka jiran ibsameera.

Maqaa ijaarsa manneen barnootaa kanaanis qarshii miiliyoona 17 buustu, kanaaf haalaa fi yeroo isin gaafanetti kaffaluufis of qopheessaa jechuun jiraattootatti yaaddoo guddaa uumuun ifoomeera.

Kana malees onichuma gandoota hunda keessatti qonni akka hin qotamneef jiraattota dhorkuun namoota irratti dhiibbaa taassisaa akka jiran kan himamu oggaa ta’u, Caamsaa 8, 2025 jiraataa ganda Dimbat kan ta’e namni maqaan isaa Hasan Naasir jedhamu ooyiruu isaatti bahee qotuuf yeroo qotiyyoo camadutti waraanni Abiy Ahimed dhukaasa itti banuun lubbuun fiigee harkaa akka bahes jiraattonni himan.

Oduu biraatiin ammoo aanichumatti Caamsaa 7, 2025 bulchitoonni aanichaa jiraattota ganda Qorii, ganda Abbaayyoo fi Hagamtii guutummaatti kan buqqisan yoo ta’u, sababni jiraattotni kun buqqifamaniifis maqaa” qe’een keessan gara bosonaatti dhiyaata “Waraana Bilisummaa Oromoo nyaata nyaachistuu fi daandii agarsiiftu kan jedhuun yoo ta’u, namoonni hedduun haala kanaan buqqaanis horii fi daa’imman isaanii waliin bakkeewwan adda addaatti faca’anii rakkoo ulfaataa keessa akka jiran ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading