• Fri. Jan 16th, 2026

Naamusa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

May 15, 2025

Kabaja fi To’annaa Ofii Qabaachuu

Ø Qeerroon bilisummaa Oromoo yeroo hunda of danda’aa fi naamusa akka sibiilaa qabu dha; dubbii fi gochaan isaa madaalaan fi saansakaan gaggeessa.

Kabaja Walii fi Tokkummaa Cimaa Dagaagsuu

Ø Miseensonni Qeerroo bilisummaa Oromoo waliif kabaja kennu, tokkummaa, jaallummaa fi obbolummaa jabeessu, dagaagsu.

Sochii Nagaa fi Sirna Qabuu Gaggeessuu

Ø Qeerroon Bilisummaa Oromoo hiriira, hubannoo siyaasaa fi falmii mirgaa dhala namaa karaa nagaan gaggeessa. Yoo sirnichi deebbii gaafatamuuf diddaa agarsiise akka humni uummataa irra dambali’ee burkuteessu cichoominaan hojjeta, dhimmi gaga’aan yoo dhalate ammoo gara dirree qabsootti bahuu fuula sanaan qabsoo itti fufa. 

Gosaa, Naannoo fi Amantaa Oromoo Wal Qixa Ilaala

Ø Qeerroon Bilisummaa Oromoo gosa, naannoo fi amantaa Oromoo hunda wal qixa ilaala, gosaan, amantiin yookiin bakka jireenyaan wal qooduun dhorkaa dha! 

Duudhaalee Oromoo Tiksuu fi Eeguuf

Ø Qeerroon bilisummaa Oromoo dhuudhaalee Oromoo; safuu, aadaa fi duudhaa Oromoo kabajee sosso’a, duudhaalee saboota biraas ni kabaja. 

Sagalee Ummata Oromoo Ta’uu fi Iftoomina Qabaachuu

Ø Qeerroon Bilisummaa Oromoo waan ummanni barbaadu ifaa fi bilisaan dubbata, sagalee mataa isaa Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo irrattis dhugaa uummataa mamii tokko malee barsiisa, shiraa fi kijiba cunqursaa saaxila. Qeerroon Bilisummaa Oromoo naamusa, seera, safuu fi qajeelfamaan sochii isaa gaggeessa kabajaa uummata isaa biraa argata! 

Injifannoo Ummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading