• Wed. Mar 18th, 2026

Muummichi Ministeeraa Ispeen ajjeechaa Gaazaa keessatti raawwatamuun wal qabatee dhiibbaan akka Israa’el irratti geggeeffamu waamicha dhiyeessan

May 18, 2025

ONM-ABO Caamsaa 18, 2025 

Muummichi Ministeeraa Ispeen Pedro Sánchez Sanbata kaleessaa ajjeechaa Gaazaa keessatti raawwatamu Israa’el akka dhaabdu dhiibbaa gochuuf waamicha dhiyeessan. Maadriid murtii mana murtii addunyaa gargaarsa naannoo Falasxiin seenuuf akka kennamu gaafachuuf karoorfattee jirti jedhan.

Sáanchez walgahii Liigii Arabaa Bagdaad keessatti gaggeeffame irratti akka jedhanitti, waraanni haleellaa Onkoloolessa bara 2023 Hamaas Israa’el irratti raawwateen ka’e “lakkoofsa fudhatama hin qabne” miidhamtoota Gaazaa keessatti akka fide, “wal-qunnamtii dhala namaa” cabseera jechuun ibse.

“Balaan gargaarsa namoomaa garmalee hamaa ta’e uumamuu fi Gaazaan erga Onkoloolessa bara 2023ti namootni 50,000 ol du’anii 100,000 madaa’uun fi miliyoona lama buqqa’aniiru,” jechuun Sánchez, weerara Israa’el akka malee qeeqan.

Hoggantoonni addunyaa “miidhaa Israa’el Gaazaa keessatti duguuggeessaa jirtu irratti dhiibbaa cimsuu qabu, keessumaa karaa seera idil-addunyaatiin nuuf kennameen,” jedhan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading