• Tue. Jan 13th, 2026

Finciltootni Huutii Yaman uggura buufata doonii Israa’el irratti gochuuf doorsisan

May 20, 2025

ONM-ABO Caamsaa 20, 2025 

Huutiin Yaman Wiixata kaleessaa akka jedhanitti, waraana Gaazaa hammaatee jiruuf deebii kennuuf buufata doonii Israa’el Haayifaa akka ugguran dubbataniiru.

Huutiin “buufata doonii Haayifaa irratti uggura galaanaa kabachiisuuf hojjechuu jalqaba,” jedhan dubbi himaan waraanaa Yaayya Saaree.

“Dhaabbiileen doonii gara buufata kanaatti qajeelan hundi, hanga yeroo beeksisa kanaatti, buufanni doonii armaan olitti ibsame baankii galma ta’e keessatti hammatamuu isaa kanaan beeksisaniiru,” jechuun dubbi himaan Huutii dabalaniiru.

Tarkaanfiin kun “Israa’el weerara gara jabinaa ummata keenyaa fi Gaazaa irratti qabu hammaateef deebii kennuudhq,” jechuun haleellaan Israa’el irratti raawwatamu “erga weerarri Gaazaa irratti xumuramee fi uggurri sun kaafamee booda akka dhaabbatu himaniiru.”

Muummichi Ministeera Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun yeroo dhihoo biyyi isaanii Gaazaa hunda to’annoo jala oolchuun Hamaas irratti haleellaa akka raawwattu beeksisaniiru.

Huutiin Iraaniin deggaramuun erga waraanni Gaazaa Onkoloolessa bara 2023tti haleellaa Hamaas Israa’el irratti raawwateen booda yeroo hunda Israa’el keessatti haleellaa misaa’elaa fi diroonii raawwachaa jira jechuun AFP’n gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading