ONM-ABO Caamsaa 20, 2025
Kufaatii siyaas-dinagdee impaayerattii mudate baraaruuf, ergamtoonni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo gita bittaa kolonii abbaa irree Abiy Ahimed jalatti hacuucanii bulchuun fala kan jedhuun uummata Oromoo yaaddoo taayitaa keenyaati jedhan irratti tarkaanfii hadha’aa garaa garaa fudhachaa jiru.
Caamsaa 17, 2025 aanaa Guutoo Giddaa ganda Gaarii jedhamu irraa namoota maqaan isaanii:
- Obbo Taarikuu Asfawuu fi
- Obbo Dabalaa Tamasgeen
jedhaman loltootni Bilxiginnaa badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Bulchiinsa magaalaa Naqamtee dabalatee onicha keessatti hidhaan cinatti saamichi daangaa darbes babaldhachuun namoonni hedduun bahaa fi gala danqamanii kan jiran yoo ta’u, hidhattootni sirnichaa daandii gubbaa dhaabbatanii namoota hiraarsaa akka jiranis dabaluun dubbatu.

