• Sun. Apr 26th, 2026

Ibsa Deeggarsaa Sochii Ogeeyyoota Fayyaaf (Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

May 20, 2025

Nuti, Qeerroon Bilisummaa Oromoo, sochii ogeeyyoota fayyaa kan tokkummaa, namummaa fi haqummaa ofkeessaa qabu kan deeggarruu fi waliin dhaabbannu ta’uu ibsina. Ogeessooti fayyaa, of-kennisa guddaa kan akkeeka kabajaa dhala namaa, tokkummaa fi naamussaa qabu bakkaan gahuuf gaafatamummaa ulfaataa ofitti fudhattan. Gaaffiin isaanii gaaffii lubbuu fayyisuu, laalaa rakkinaa dhaabuu, fi uummata keenya tajaajiluu dha. Kunis loogii sabummaa, amantaa fi ilaalcha siyyasaa of-keessaa hin qabu. Haa ta’uutii, dirqama isaan irra jiru bahachuuf haqa-dhablummaa, lolaa, fi wal-qoqqooduun waan jiruuf hin callisnu! Jedhanii sosso’an.

Kanaafuu, nutis akka Qeerroo Bilisummaa Oromootti waamicha:

1. Lolaa fi miidhaan uummata irra gahu gama hunda akka dhaabbatu; Dhaabbiileen fayyaa marabbaa walaba waan ta’aniif; haleellaan mootummaan jaarmiyaalee fayyaa, hojjettoota fayyaa, fi uummata nagaa irratti gaggeessu akka hatattamaan dhaabu akeekkachiisna.

2. Gargaarsi namoomaa naannoo hundatti akka dhaqabu; Uummati naannooleen lolaan miidhamanii jireenyi itti ulfaatee, lubbuun isaanii balaa keessa jiran kan akka Oromiyaa, Tigray, Amaaraa, Affaar, BenishaangulGumuz, Gambeella, Somaalii fi Ummattoota Kibbaa—dhiibbaa kamuu irraa bilisa ta’anii akka gargaarsa argatan dhaammanna. Dararanmni dhala namaa daangaa sabummaa hin qabu.

3. Mirgi lubbuun jiraachuu, kabajaa dhala namaa, mirga ofii ofiin murteessuun saboota hundaaf akka kabajamu; Sabni kamuu humnaan callisiifamuu, namoomaa keessaa baafamuu fi dhiibamuu hin qabu. Tokkummaan biyyaa humnaa fi cunqursaan otoo hin taane, haqaa fi walii kabajuun ijaarama.

4. Nagaan Haqaa fi Araaraan malee, sobaa fi ololaan argamu hin jiru; Yaaliin yakkamtoota ololaa fi lolaan haguuguuf tattaafatamu hin fudhannu! Fayyinni; dhugaa fi haqaan, gaafatama fudhachuu fi dhukkuba cunqurfamtootaa caqasuun eegala. Wal caqasuu fi wal dhageeffachuun tokkummaa fida.

“…qaamni kee tokko dhukkubsatee,…fayyaa ta’uu hin dandeessu.…dhukkubbiin namoomaa yoo sitti hin dhagahamiin,’Namummaa’ keessaa hin jirtu.”

Tokkummaan afaan qawweetiin dhuftu hin jirtu. Tokkummaan; waliif yaaduu, haqaa fi mariin ijaarame, hundee qabeessa, ititaa fi jabaa dha. Sagaleen ogeeyyooti fayyaas, sagalee haqaa, nagaa fi namoomaati.

Kanaaf, falmattooti bilisummaa, qondaalooti mootummaa, mormitooti siyaasaa, caayaaleen uummataa, fi hawaasni idil-addunyaa marti akka sagalee ogeessota fayyaa fi uummataa keenyaa taatanii waliin dhaabbatan jabeessinee dhaammanna.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo!

Cunqursaan nurraa haa dhaabbatu! Hin Callisnu!

Hiraarfamni nu gaha! Namoofaaf dhaabbachuun yeroon isaa amma!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading