• Thu. Jun 18th, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuutti loltoonni faashistii PP jiraattota hidhaatti darbachuu hammeessan

May 30, 2025

ONM-ABO Caamsaa 30, 2025 

Bututtuu impaayera Itiyoophiyaa jiguuf raafama irra jirtu suphuuf jecha goleewwan Oromiyaa cufatti kan bobbaafaman ergamtoonni Bilxiginnaa wayita ammaa kana haala duraan amaleeffataniin olitti sarbamiinsa mirga namoomaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru.

Akka kanaanis jiraataa aanaa Daarimuu ganda Meexxii Guddaa kan ta’e, dargaggoo maqaan isaa Asheetuu Sulee jedhamu ergamtoonni Bilxiginnaa Caamsaa 28, 2025 toora sa’atii 6:00’tti aanichuma ganda Haramii keessaa badii tokko malee erga ukkaamsanii booda reebicha ulfaataa qaama laalessu irratti raawwachaa mooraa waraanaa geessuun hidhanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, dargaggoon kun siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo “fuulli kee haaraadha” jechuun yakkanii gocha gara jabinaa kana irratti raawwachuu dabaluun himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading