• Fri. Mar 13th, 2026

Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Wal qixxee keessatti reebichaa fi dararaan shiftoota waraana PP’n uummata irratti raawwachaa jiraachuun barame

Jun 3, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 3, 2025 

Bara bulchiinsa koloneel Abiy Ahimeditti uummanni Oromoo nagaan ba’ee hojjetatee galuu mitii nagaanuu mana isaa keessa jiraachuu kan hin dandeenye, yakka qabaateef osoo hin taane Oromummaa isaa qofaan dararaa kan jiran goolessitoonni murna PP,  torban darbe irraa kaasee aanaa Meettaa Wal qixxee ganda Qundee Garasuu keessatti uummata nagaan bakka WBO’n jiru nu geessuu diddan jechuun reebicha irratti geggeessuu fi uummata harka qalleessa dararaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan.

Hammeenyaa fi gidiraa malee gaarummaa saba irraa dhalataniif kan hin yaadne ergamtoonni sirnichaa garaa isaanii qofaaf dhama’an bututtuu impaayera Itiyoophiyaa suphuuf jecha guyyuu gochoota ciiggaassisoo addaa addaa uummata irratti cimsanii jiru.

Murni cunqursaa uummataaf aangoo impaayerattii maqaa Oromootiin qabatee duguuggaa ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffatee jiru PP’n guutuu Oromiyaa keessatti maqaa garaa garaa uummanni irraa walaba ta’e itti maxxansuun hidhuu, saamuu fi ajjeesuu dabalatee manaaf qabeenya gubee barbadeessuun jiruu godaansaaf saba saaxilaa jiraachuun kan beekamuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading